Fana: At a Speed of Life!

Hidhamtoonni dhiifamaafi himanni isaanii adda cituun gadi lakkifamuun eegumsa mirga namoomaa cimsuuf tarkaanfii murteessaadha- Komishinicha

Finfinnee, Fulbaana 29, 2019(FMC)- Hidhamtoonni dhiifamaafi himanni isaanii adda cituun gadi lakkifamuun eegumsa mirga namoomaa cimsuuf tarkaanfii murteessaadha jedhe Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa.
 
Komishinichi gabaasa bu’aalee hordoffiifi qorannoo Waxabajjii 2017 hanga Waxabajjii 2018 ifoomseera.
 
Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Birhaanuu Addeelloon jijjiiramoota mirga lubbuun jiraachuu kabajuu, wadhabdeewwan karaa nagaan furuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti mul’atan ibsaniiru.
 
Haaluma Kanaan bara darbe hidhamtoonni 729 ol dhiifamaafi himanni isaanii addaan cituun gadi lakkifamuu eeraniiru.
 
Hidhamtoonni kunneen hiikamuun tarkaanfii murteessaa ta’uu kaasanii, eegumsa mirgoota namoomaa cimsuufi adeemsa waldhabdeewwan karaa nagaan furuu guddisuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
 
Sadarkaa biyyaalessaatti manneen amala sirreessaa 98 fi buufataalee poolisii 649’tti daawwannaan taasifamuu yaadachiisanii, qabiinsa sirreeffamtootaa irratti fooyya’iinsi jiraachuu eeraniiru.
 
Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaan hammataa fi dimookiraatawaa akkasumas hirmaannaan filattootaa olaanaan galmaa’uun isaa jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.
 
Waldhabdeewwan karaa nagaan akka hiikamanfi eegumsa lammiilee walitti bu’iinsaan miidhamanii cimsuuf hundi gaheesaa akka bahatu hubachiisaniiru.
 
Beeteliheem Makuwaanintiin.
 
#MootummaaIda’amuu
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.