Fana: At a Speed of Life!

Humni Qilleensichaa aggaamiiwwan Itiyoophiyaarratti xiyyeeffatan fashaleessuun Seenaa hojjetaa jira- Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC)- Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojii ammayyaa hidhachuu fi humna namaa gahoomsuun aggaammiwwan Itiyoophiyaarratti xiyyeeffataman fashaleessuun seenaa hojjetaa jira jedhan Ajaja Olaanaan Humna Qilleensichaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.

Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Sababeeffachuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojjii jabanaa hidhachuu fi humna namaa gahoomsuun haleellawwan biyya keenyaarratti yaalaman fashaleessuun seenaa hojjetaa jira jedhan.

Guyyaan hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa mata duree” Gaachana Samii Itiyoophiyaa Injifannoo fi Wareegaman Miidhage” jedhuun Sadaasa 21 fi 22 , 2019 kan kabajamuu ta’uu eeraniiru.

Sadaasa 20, 2019 Magaalaa Bishooftuutti fiigichi daandiirraa kiiloomeetira 10 Atileettoonni bebbeekamoon idil addunyaa irratti hirmaatan kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Fiigicha daandiirraa waggaa waggaan Magaalaa Bishooftuutti qopheessu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, Tiishartiin kabajaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan eebbifamuun ibsameera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.