Magaalaa Maqaleetti buufataalee boba’aa 15 keessaa 12 gara hojiitti galan
Finfinnee, Sadaasa 15, 2019 (FMC) – Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti buufataalee boba’aa 15 keessaa 12 gara hojiitti galan jedhe Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa magaalattii Obbo Tasfaay Girmaay.
Magaalaa Maqalee keessa taaksiiwwan uummataa 750 jiraachuu kaasuun, taaksiiwwan kunneen dursa dhiyeessii boba’aa akka argatanii fi tajaajila geejjibaa akka kennan taasifamuu himan.
Gurgurtaan boba’aa kaffaltii dijitaalaa Telebirr qofaan akka raawwatamu qajeelfamni bahee hojii irra ooluu dubbatan.
Kunis boba’aan dhiyaatu kaayyoo barbaadame qofaaf akka oolu mirkaneessuu fi to’achuuf kan tumsu ta’uu himan.
Ashannaafii Shibbiruutiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa