Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Warshaa Qulqulleesa Albuudoota gatii jabeeyyii Biyyaalessaa hojii eegalchiisan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Warshaa qulqulleessa Albuudoota gatii jabeeyyii Biyyaalessaa Invastimanti Hooldingii Itiyoophiyaa fi Saam Pireeshiyaas Meetaalisi gidduutti Naannawaa diinagdee Boolee Laamiitti ijaarame hojii eegalchiisaniiru.

‎Warshichi waggaatti albuudoota gatii jabeeyyii (qaalii) toonii 600 qulqulleessuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Oomisha biyya keessaatti sona dabaluun damee Albuudaa Itiyoophiyaa cimsuu fi biyya keenya albuuda gatii jabeeyyii qulqulleessuun giddugala naannawichaa taasisuf imala eegalame gara boqonnaa olaanaatti kan ceesisuudha jedhan.

‎Kunis qabeenya keenya dandeettii indaastirii wajjiin walitti hidhuun galii alaa guddisuuf, humna nama leenji’e uumuuf, indasatiriwwan faayaa deeggaruuf, akkasumas, funcaa sona warqee ifaa fi dorgomaa ta’e ijaaruuf murannoo Mootummaan Ida’amuu qabu kan mul’isu ta’uu Dooktar Abiy Ahimad fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

#MootummaaIda’amuu

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.