Ni Karoorfanna; Baay’ee Osoo Hin Iyyin Hojjanna; Bu’aa Hojii Keenyaan Ummata Keenyatti bu’aa isaa himna — Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 30, 2019 (FMC) — Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad har’a Godina Diinagdee Addaa Boolee Laamii keessatti warshaa qulqulleessituu albuudota gati jabeessaa ijaarame eebbisuun hojii eegalchiisaniiru.
Ministirri Muummee ergaa wayita kana dabarsaniin, kaayyoon ijoo warshaa kanaa adeemsa Itiyoophiyaan meeshaalee dheedhii qofa gara biyya alaatti erguun, oomishaalee xumuraman gatii qaalii kaffaluun deebitee galchitu hambisuuf ta’uu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, daldala buna keessatti bunni dheedhiin gara biyya alaatti ergamee achitti qophaa’uu fi danfifamee, gatii dachaa hedduun deebi’ee akka bitamu kaasaniiru.
Dooktar Abiy Ahimad, hojiin damee albuudaa irratti hojjenne bu’aa argamsiisaa jiras jedhan
Warshaichas ijaaramuu isaa osoo hin beeksisiin hojjechuu isaanii himaniiru.
Itti dabaluunis, “Ni karoorfanna; baay’ee osoo hin iyyin hojjetna; wanti nuti ummata keenyaaf himnu bu’aa hojii keenyaati” jechuun xiyyeeffannoon hubachiisaniiru.
Kana dura Itiyoophiyaan warqee gara biyya alaatti yeroo ergitu, osoo hin qulqulleeffamiin waan ta’eef, dhibbeentaan 30 ta’u akka xuriitti lakkaa’amee hir’ifamaa akka ture ibsaniiru.
Adeemsa kana keessatti meetii fi albuudoti gatii jabeeyyii biroo argamuu danda’anis waliin badaa turuu eeraniiru.
Warshaan qulqulleessituu haaraan ijaarame kun rakkoo kana kan furu ta’uu ibsaniiru.
Warshaan kun waggaatti al-ergii hanga doolaara biiliyoona 80 raawwachuu kan dandeessisu fi warshaalee Afrikaa sadarkaa duraa irratti argamanii fi dandeettii olaanaa qaban keessaa tokko ta’uu eeraniiru.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, warqee qofa osoo hin taane dameewwan biroo keessattis adeemsa meeshaalee dheedhii galchuu fi gara biyya alaatti erguu sirreessuun, imala badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf boqonnaan guddaan banamuu ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia #MootummaaIdaamuu
Soosinnaa Alamaayyootiin