Barnoonni bu’uura milkaa’ina galmoota Qabsoo Oromooti – obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Fulbaana 30, 2019(FMC) – Barnoonni bu’uura milkaa’ina galmoota Qabsoo Oromooti jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.
Obbo Shimallis sirna beekamtii fi badhaasa barattoota naannichaa qabxii olaanaa galmeessanii guyyaa har’aa geggeeffame ilaalchisuun fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniiru.
Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera:
𝐁𝐚𝐫𝐧𝐨𝐨𝐧𝐧𝐢 𝐁𝐮’𝐮𝐮𝐫𝐚 𝐌𝐢𝐥𝐤𝐚𝐚’𝐢𝐧𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐐𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨𝐭𝐢!
Har’a, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2018 irratti qabxii olaanaa galmeessaniif beekamtii kennine. Sirni kun milkaa’ina dhuunfaa barattoota keenyaa kabajuu qofa osoo hintaane, dandeettii dhalootaa irratti invastimantii yoogaggeesine, egeree ummata keenyaa keessatti abdii, carraafi milkaa’ina akkamii ijaaruu akka dandeenyu kan agarsiisudha.
Milkaa’inni bara kanaa, bu’aa carraa qofaan argame miti. Dandeettii dhalootaa karoora, qophii, barsiisaa, hoggansaafi sirna deeggarsaa walsimaa ta’een yoo’kunuunsine, bu’aa olaanaa galmeessuu akka dandeenyu milkaa’inni isaanii nimirkaneessa. Kufaatiin sirna barnootaa keenya keessatti muldhate, dandeettii ilmaan keenyaa irraa kan madde osoo hintaane, dandeettii isaanii adda baasuu, kunuunsuu, guddisuufi bu’aa qabatamaatti jijjiiruu keessatti hanqina sirnaafi hoggansaa gama keenyaan ture nuyaadachiisa.
Qabsoon ummata Oromoo gulantaa haaraarra gaheera. Galmoonni tarsiima’oo qabsoo keenyaa sadan — dhaloota barnootaafi teknoolojiin dorgomaa ta’e uumuu, ummata dinagdeen aangomsuufi sirna cimaa ijaaruun — walirraa adda bahanii hinmilkaa’an. Dhaloota beekumsa, ogummaa, dhaweessummaa, kalaqaafi dandeettii rakkoo furuu qabu malee, dinagdee ammayyaa ijaaruun rakkisaadha; dinagdeen oomishtummaa olaanaa qabu malee of-danda’uun hinmirkanaa’u. Sirni cimaas, dhaloota gahumsa qabu, dhaabbilee dandeettii raawwii qabanifi murtii beekumsa irratti hundaa’e malee waara’uu hindanda’u. Kanaaf, barnoonni tajaajila hawaasummaa tokko qofa miti; humna galmoota qabsoo keenyaa maraa sochoosu ta’uu ifatti hubatamuu qaba.
Yaaddoon keenya guddaan, dhaloonni keenya carraa dhabuu qofa ta’uu hinqabu. Dandeettii qabu beekumsa, ogummaafi kalaqaan gabbifachuu dadhabuu ta’uu qaba. Barri sabboonummaan dhugaa dhaadannoo qofaan itti madaalamu darbeera. Dhaloota eenyummaa isaa qixaan hubate, beekumsa ammayyaa goonfate, teknoolojii kalaqaan fayyadamu, rakkoo isaa qorannoofi yaadaan hiike, akkasumas dorgommii idil-addunyaa irratti dandeettii isaatiin of-muldhise horachuun madaalama. Kaayyoon keenya dhaloota carraa argatu qofa osoo hintaane, carraa haaraa uumuu danda’u; hojii barbaaduu qofa osoo hintaane, hojii uumuu danda’u; furmaata eeggachuu qofa osoo hintaane, furmaata kalaqu danda’u ijaaruudha. Dhaloonni akkasii qonna ammayyeessuu, indastirii ijaaruu, teknoolojii babaldhisuu, qorannoo gaggeessuu, dhaabbilee haaromsuu; dinagdee dorgomaa ijaaruun hawwii saba isaa milkeessuu bira taree, addunyaaf beekumsa, ogummaafi kalaqa haaraa kan gumaachudha.
Ilaalcha kanaan masakamuun, waggoota darban sirna barnootaa keenya deebisnee ijaaruu irratti hojii baldhaa raawwanneerra. Sirna barnootaa haaromsuuf tarkaanfiilee baldhaa fudhanneerra. Manneen barnootaa Bu’uura Boruu babaldhisuun daa’imman umurii jalqabaa irraa barnootaaf qopheessaa jirra. Manneen barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Addaa istaandardii olaanaa qaban babaldhisuun, qulqullina barnootaa fooyyessuufi baratoota dandeettii addaa qaban, addatti kunuunsuuf hojjechaa jirra. Rakkoo leecalloo hiikuufis sochii baldhaa taasifameen bu’aa qabatamaan argameera.
Tarkaanfiileen kunneen rakkoolee turan guutumatti furan jechuu osoo hintaane, sirni barnootaa keenya iddoo kufetti mataa olqabachuu qofa agarsiisa. Bu’aan har’aa, ka’umsa gulantaa ittaanuuti malee galma xumuraa miti. Kufaatii irraa ka’e gara sirna gahumsa qabuutti, darbees gara sirna qulqullinaafi kalaqaan dorgomuutti ceesisuuf hojiilee murteessaa hedduutu nu’eeggata. Kanaaf, tokkoffaa barsiisota gahumsa beekumsa dabarsu qofa osoo hintaane, dandeettii yaaduu, gaaffii gaafachuu, qorachuu, kalaquufi ofitti amanamummaa barataa keessatti uuman horachuu qabna; akkasumas gahumsa isaanii yeroo yeroon madaaluufi guddisuu qabna. Lammaffaa barnoota murteessoo ta’an haala addaatiin qopheessuun manneen barnootaa mara biraan gahuu. Sadaffaa, Gumii Tiraanisfoormeeshinii Barnootaa harcaatii tokko malee hojiitti hiikuu danda’uu qabna.
Milkaa’inni barattoota har’a beekamtii argatanii, carraaqqii dhuunfaa qofaan kan ibsamu miti. Bu’aan kun hojii hoggansa barnootaa sadarkaan jiranii, deeggarsa maatii, hunda caalaa ammoo ifaajiifi aarsaa barsiisota keenyaa kan calaqqisiisudha. Carraa kanaan, maatii barnootaa mara, addatti ammoo barsiisota keenya maqaa kiyyaafi maqaa MNO’tiin daran galateeffachuun barbaada. Barattoota keenya ammoo milkaa’ina kana akka xumuraatti osoo hintaane, akka itti gaafatamummaa ittaanuufi ka’umsa milkaa’ina caaluutti akka ilaalan cimsee yaadachiisuu barbaada. Jalqabbii kana gulantaa ittaanu keessatti gara ogummaa, kalaqa, tajaajila hawaasaafi furmaata rakkoolee ummata keenyaatti jijjiiruun itti gaafatamummaa isaan eeggatu ta’uu yaadachuu qabu.
Waggoota shanan Karoora Of-danda’uu (2019–2023) keessatti, dhaloota carraa eeggatu qofa osoo hintaane, carraa uumuu, hojii uumuu, rakkoo furuufi beekumsa gara oomishtummaatti jijjiiruu danda’u horachuuf xiyyeeffannoo olaanaan nihojjenna. Kanaaf, sirna barnootaa dhaloota qonna, indastirii, saayinsii, teknoolojii, qorannoofi kalaqa keessatti furmaata haaraa fiduu danda’u ijaaruuf nudandeessisu diriirsuu irratti xiyyeeffannee kan sochoonu ta’a. Kanaaf, mootummaa, hawaasni barnootaa, maatiifi dhaloonni keenya kutannoo walootiin akka sochoonu imaanaa jechuun barbaada.
Egereen ummata keenyaa kutaa barnootaa keessatti ijaarama. Dandeettiin ummata keenyaa barsiisaa gahumsa qabuun gabbata. Badhaadhinni ummata keenyaa beekumsa gara oomishtummaatti jijjiiruun dhugooma. Barnoonni bu’uura milkaa’ina galmoota qabsoo Oromooti jechuun keenya kanuma.