Imaanaa biyya dhalootaaf dabarsuu…
Finfinnee, Onkololeessa 3, 2019 (FMC) – Seenaan ni hojjetama, ni dabalama, hundi ammoo seenaa hin hojjetu, gootni seenaa hojjetu gatii kaffalee, lafee cabsee fi dhiiga dhangalaasee bilisummaa kabachiisa.
Har’as akkuma kaleessaa birmadummaa fi bilisummaan Itiyoophiyaa eegamee kan jiru injifannoon mallattoo isaa kan ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaatiin.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa gaachana, waardiyyaa biyyaa fi labsituu injifannooti.
Injifannoowwan galmeesses kan akka carraatti argaman miti.
Duudhaa gootummaa abbootirraa dhaale, namuusa waraanaa olaanaa akkasuma bu’aa murannoo fi amanamummaa biyyaa isaaf qabuurrayi.
Hanguma diinoonni biyya diiguu fi ummata jeequuf yaalan Raayyaan Ittisaa akka sibiilaa cimee fi dallaa cimaa ta’ee argama.
Itiyoophiyaan yeroo kamuu caalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa naamusa loltummaa olaanaa, beekumsa saayiinsiifi teeknooloojii gahaa, beekumsa naannawaafi haala addunyaa sirriitti hubate baay’inaafi qulqullinaan horachaa jirti.
Raayyaan Ittisaa haala mijitaa hin taane keessatti, ogummaa waraanaa olaanaa gonfateen qormaatilee hunda darbuun injifannoo galmeessaa jira.
Shira diinaa hunda fashaleessuun mallattoo injifannoo fi bilisummaa ta’ee itti fufeera.
Injifannoon raayyichaa dirree waraanaa qofaa miti, goota misoomaa, wabii nageenyaa fi waardiyyaa ummataa dabalata.
Bakka gahe hundatti jaalalaan hojjeta, ummata humnoota badiirraa baraara.
Raayyaa ittisaa nageenya kabachiisuun, yeroo nagaa qonnaa fi teeknooloojiin, yeroo rakkoo ammoo gaachana uummataa ta’ee tajaajilaa jiruudha.
Injifannoon har’aa kabaja biyyaa eegurra darbee biyya cimtuu dhaloonni dhufu bilisummaa fi kabajamee keessa jiraatu ijaaruudha.
Raayyaa injifannoon dhiiga isaa keessa jiru, mo’amuu hin beekne, yeroo hunda kabaja biyyaaf kutannoon wareegamuudha.
Raayyaa beekumsi waraanaa ammayyaafi qindoominni tarsiimoo irratti hundaa’ee, ergama itti kenname sadarkaa olaanaan bahatuudha.
Birmadummaa biyyaa amanamummaan eegaa, har’as ta’e boru, gootummaa fi injifannoo isaan ifee, biyya dhaloota dhalootaatti dabarsuuf gahee isaa bahataa jira.
Raayyaa Teeknooloojii ammayyaa, leenjiifi naamuusa ogummaan dabaalamee Itiyoophiyaa kabajamteefi sodaatamtee jiraattu itti fufsiisuuf hojjetaa jiruudha.
Dhaloonni har’as gootummaa kaleessaa dhaaluun dhaloota boruuf biyya nagaa qabdu dabarsuuf hariiroo uummata waliin qabu cimsee itti fufuun barbaachisaadha.
Siifan Magarsaatiin
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa