Itiyoophiyaafi Eemireetonni Araba Gamtoomanii tumsa damee Baankiifi Faayinaansiin qaban cimsuuf waliigalan
Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaafi Eemireetonni Araba Gamtoomanii tumsa damee Baankiifi Faayinaansiin qaban cimsuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.
Biyyoonni lameen walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa Taayilaand magaalaa Baankookitti gaggeeffamaa jiru cinaatti waliigaltee kanarra gahuun ibsameera.
Jila Itiyoophiyaa walga’icharratti hirmaachaa jiru kan dursan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny Bulchaa Baankii Giddugaleessaa Eemireetota Araba Gamtoomanii Kaaliid Mahaammad Baalaamaa waliin mari’ataniiru.
Marichaan sirnoota faayinaansii biyyoota lameenii walsimsuuf, muuxannoo waljijjiiruufi tumsa tarsiimawaa damee Baankiifi Faayinaansiin qaban caalmaatti cimsuuf haala danda’amurratti mari’achuu ENA’n gabaaseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa