Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shira baroottaniif xaxamaa tureen dhabde- Abbaa Duulaa Gammadaa
Finfinnee, Onkoloolessa 4, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shira baroottaniif xaxamaa tureen dhabde jedhan Pireezidaantiin duraanii Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Abbaa Duulaa Gammadaan.
Haalota keessoo keenyaa irraan kan ka’e wantoota hedduu dhabne; wantootni dhabne kunneen Itiyoophiyaaf ba’aa guddaa ta’anii itti fufaniiru jedhan turtii ENA waliin taasisaniin.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan dhabdes shira baroottaniif diinonni seenaa guddinaafi badhaadhina Itiyoophiyaa hin barbaanneen xaxamaa tureen ta’uu yaadachiisaniiru.
Wayita sana humna keessoo faayidaa biyyaalessaa ishee dabarsee kennu malee faayida biyyaalessaa isheef falmu akka hin turre kaasaniiru.
Dhimmicharratti murtoon waltajjii seera qabeessaa irratti mari’atame murtaa’e akka hin turre yaadachiisanii, hoggantoota muraasa yeroo sanaan akka murtaa’e ibsaniiru.
Mootummaa haaraan bu’aa filannoo waliigalaa 7ffaa mallattoo cichoomina uummata biyyattii ta’een hundaa’e itti gaafatamummaa hojiilee misoomaa imala badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf waggoottan saddettan darban keessa eegalaman cimsee itti fufsiisuu akka qabu hubachiisaniiru.
Kanaafis Karaa nagaafi diimokiraasiin qajeeltoo kennanii fudhachuun Itiyoophiyaanulaa galaanaa akka argattuuf akkasumas fudhatamummaafi dhiibbaa Galaana Diimaa irratti qabdu ifatti akka calaqqisiistuufi guddina diinagdeefis bu’aa olaanaa argamsiisuuf itti gaafatamummaa akka qabu ibsaniiru.
Ayyaanaa Dheeressaan.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa