Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa boru walga’ii idilee 3ffaa ni gaggeessa

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummaataa boru walga’ii idilee 3ffaa waggaa 1ffaa bara hojii 7ffaa ni gaggeessa.

Walga’ichaan yaada murtoo Koree Gorsituu dhimmoota mana marichaa moggaasuuf dhiyaatu qorachuun ni raggaasisaan eegama.

Yaada murtoo gurmaa’insa Koree dhaabbii, raawwii fi Itti Gaafatamummaa murteessuuf bahe, akkasuma kaadhimamtoota hoggansa Koree dhaabbii fi ramaddii miseensootaa ilaalchisee yaada murtoo dhiyaates qorachuun ni raggaasisaan kan eegamu ta’uu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.