Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Ministira Alaa Ameerikaa waliin dhimmoota waloorratti mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) – Ministirri Muumme FDRI Dooktar Abiy Ahimad Ministira Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiiyoon waliin dhimmoota waloorratti bilbilaan mari’ataniiru.

Dhimmoota waloo, naannawaa fi gamhedduurratti, akkasuma dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti marii bu’aa qabeessa taasifneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin.

Hariiroo fi michummaa bara dheeraa Itiyoophiyaafi Ameerikaa gidduu jiru gara tarsiimawaa fi michummaa caalutti guddisuuf biyyootni lamaan murannoo qabaachuu mirkaneessineerra jedhan.

Tumsa Ameerikaan itti fufiinsaan Itiyoophiyaaf taasiftu dinqisiifachuun, tumsa waloo caalmaatti cimsuu, akkasuma dhimmoota naannawaa fi waltajjiiwwan gamahedduu dursa barbaadaniif dhimmoota waloorratti tumsaan hojjechuuf murannoon jiraachuu mirkaneessan.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.