Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa misooma waaraa Itiyoophiyaaf tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu mirkaneesse

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2019 (FMC) – Gamtaan Awurooppaa deeggarsa misooma itti fufiinsa qabu Itiyoophiyaaf taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneessera.

Jilli Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyiin durfamu walga’ii waggaa Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqaa Idil Addunyaa cinatti Gamtaa Awurooppaatti Komishinara tumsa Idil Addunyaa Yoozeef Siikeellaa waliin mari’ateera.

Yeroo kanatti, dhimmoota ajandaa misoomaa waloo guddina dinagdee Itiyoophiyaatiif dursa kennaman, akkasumas tumsa fuulduraa irratti mari’ataniiru.

Komishinar Yooseef Siikeelaan, Gamtaan Awurooppaa galmawwan misooma itti fufiinsa qabu Itiyoophiyaan galmaan ga’uuf tattaaffii taasistu deeggaruu cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.