Fana: At a Speed of Life!

Qaroomina mandhalee Itiyoophiyaa ifee bahaa jiru…

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2019 (FMC) – Itioophiyaan biyya seenaa dheeraa, aadaa badhaadhaa, afaanota garaagaraa fi qaroomina durii hedduu qabdudha.

Qaroominni Itiyoophiyaa waggoota kumaatamaan lakkaa’aman dura jalqabee, dhaloota irraa gara dhalootatti darbaa har’as itti fufee jira.

Qaroominni Itiyoophiyaa dhaala seenaa darbe qofa miti; bu’uura eenyummaa, beekumsaa fi abdii dhaloota boruu ti.

Qaroominni Itiyoophiyaa Seenaa qormaatilee fi kufaatii dandamachuun miira gaabbii fi cichoominaan jijjiiramuu, akkasumas seenaa obsaa, kutannoo fi cichoominaa dabalata.

Qaroominni amma ijaarramaa jirus duudhaa ganamaa bu’uureeffachuun falaasama ida’amuun karoorfamee qormaatileen jiran dandamachuun ifee mul’achaa jira.

Hojiileen misoomaa har’a ijaaramaa jiran dhaaloota egeree kan giddugaleeffatan waan ta’aniif qaroomina Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf bu’uura cimaa kaa’aa jiru.

Daandiin Ida’amuu rakkoolee Itiyoophiyaa furuuf kan dandeessisu qaroomina haaraa man dhaleeti.

Ulaan galaanaa Itiyoophiyaaf akka qaroominaatti ilaalamaa kan turedha.

Bara mootii Aksumii jalqabee Galaanni Diimaan seenaa Itiyoophiyaa keessatti guddummaa fi qaroomina Itiyoophiyaa ibsaa kan ture ta’uusaa seenaan ragaadha.

Galaana Diimaa Itiyoophiyaan waggoota kuma hedduuf abbummaan itti fayyadamaa turte. Kanaaf ulaa galaanaa qabeenya Itiyoophiyaa ta’e kan deebifachuu wanti nu dhorku tokkoyyuu hin jiru jedhen Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Qaroominni Itiyoophiyaa seenaa durii, barreeffama, ijaarsa, amantii, daldala, aadaa fi guddina ammayyaa of keessatti qabata.

Qaroominni kun gumaacha saboota, sablammootaa fi ummattoota biyyattii hedduu irraa ijaarame waan ta’eef qaroomina Itiyoophiyaa hubachuun seenaa qofa barachuu osoo hin taane, garaagarummaa aadaa kabajuu, dhaala seenaa kunuunsuu fi beekumsa dhaloota dhufuuf dabarsuu jechuu ta’uu ibsan.

Har’as Hidhi Guddichi Haaromsa Itiyoophiyaa xumuramuun, Mariin Biyyoolessaa haala milkaa’inaann gaggeeffamuun, ijaarsi warshaalee xaa’oofi boba’aa eegalamuun, akkasumas ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu jalqabamuun biiftuun qaroomina Itiyoophiyaa iftee bahaa jiraachuu agarsiistuudha.

Dhaloonni ammaas duudhaa mandhalee bu’uura godhachuun qaroomina Itiyoophiyaa bifa haaraan itti fufsiisuuf kutannoo fi murannoon hojii eegaleera.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.