Fana: At a Speed of Life!

Asxaa Injifannoo, Risaa Samii Itiyoophiyaa

Finfinnee, Onkoloolessa 6, 2019 (FMC) – Birmadummaa biyyaa haala amansiisaa ta’een kabachiisuuf Humna Qilleensaa ammayyaa, yeroo wajjin tarkaanfatuu fi dandeettii guutuu qabu ijaaruun hojiiwwan biyyaalessaa dursi kennamuuf keessaa ti.

Humni Qilleensaa Itiyoophiyaas kanneen keessaa isa jalqabaa ti.

Humni Qileensaa Itiyoophiyaa daangaa qilleensa biyyaa ija risaaatiin hordofuun haleellaa alaa kamirraayyuu eeguu fi samii biyyattii dammaqinaan tikfachuuf itti gaafatamummaa qaba.

Haleellaan yoo raawwatames, tarkaanfiiwwan deebii hatattamaa fudhachuun fashaleessuu, saffisaan qolachuu fi miidhaa uumamu hir’isuuf dandeettii olaanaa kan qabuu dha.

Ergama kana gahumsaan bahachuufis teeknooloojiiwwan waraanaa ammayyaa kan hidhate yoo ta’u, humna namaa gahumsa guutuu horateen ijaarameera.

Mootummaan Ida’amuu Humna Qilleensaa ammayyaa haala qabatamaa yerichaa hubatuu fi dandeettii isaa gama hundaan guddifate ijaaruuf hojiiwwan dinqisiisoo hojjetaa jira.

Kana malees, jijjiirama teeknooloojii Humna Qilleensaa cimsuun nageenya naannichaa kabachiisuu bira darbee, sadarkaa ardii Afrikaatti dorgomaa akka ta’uuf kutannoon hojjetaa jira.

Keessumaa humna namaa tarsiimoowwan waraanaa ammayyaa gadi fageenyaan hubatu leenjisuu, akkasumas xiyyaarota nama maleeyyii(droonota) fi xiyyaarota waraanaa biroo ergamoota waraanaa gahumsaan bahachuuf gargaaran hidhachiisuurratti xiyyeeffannoon kennameera.

Kanaaf fakkeenya kan ta’u Indaastirii Avieeshinii Iskaay Wini, kan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad waggaa tokko dura eebbisanii dha.

Dhaabbatichi xdiroonota tajaajila siiviilii fi waraanaaf oolan akka oomishu sirna eebbaa sana irratti ibsameera.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wayita sana akka dubbatanitti, waggoota muraasa dura biyya keessatti droonii oomishuu yaaduun illee waan hin danda’amne fakkaataa ture.

Diroonota hojii dameewwan garaagaraaf oolan ogeeyyii biyya keessaa qofaan dandeettii ofiitiin dizaayinii qopheessanii oomishuuf dandeettii horachuun Itiyoophiyaaf tarkaanfii seenaa qabeessa.

Dandeettiin kun bilisummaa teeknooloojii cimsuu bira darbee, gahumsa ittisaa biyyattii caalaatti guddisuuf gargaara.

Teeknooloojiin kun sochii diinaa battalumatti hordofuu, odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluu, akkasumas deebii saffisaa fi sirrii kennuuf gumaacha olaanaa qaba.

Dandeettiiwwan kanneen caalaatti cimsuun guddina Humni Qilleensichaa teeknooloojiiwwan ammayyaa hidhachuu irratti argisiisaa jiru saffisiisuuf gahee murteessaa qaba.

Humna namaa teeknooloojii ammayyaa hubatu horachuu, meeshaalee waraanaa ammayyaa guutuu fi bu’uuraalee misoomaa waraanaa cimsuufis kan dandeessisuu dha.

Humni Qilleensaa haleellaa raawwatamu yeroo gabaabaa keessatti fashaleessuu fi miidhaa hir’isuun xumuruu bira darbee, dandeettii ittisaa cimaa ijaaruun walitti bu’iinsa hambisuuf gahee olaanaa ba’achaa jira.

Haalli nageenya naannichaa yeroo yerootti saffisaan jijjiiramaa, qaamoleen walitti bu’iinsa barbaadanis baay’achaa wayita jiranitti, dandeettii ittisaa walitti bu’iinsa hambisuu danda’u ijaaruun dhimma ariifachiisaa fi xiyyeeffannoo barbaaduu dha.

Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa itiyoophiyaa, Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan kana ilaalchisuun dubbii dubbataniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa daangaa qilleensaa biyyattii haleellaa kamirraayyuu eeguu fi ittisuu haala dandeessisu irra gaheera.

Humni Qilleensaa teeknooloojiiwwan haaraa misoomsuu fi humna namaa leenjii gahaa qabu horachuun Humnoota Qilleensaa Afrikaa sadarkaa olaanaa irra jiran keessaa tokko ta’uuf kutannoon hojjechaa akka jirus ibsaniiru.

Raayyichi guyyaa guyyaatti sakatta’iinsa meeshaalee waraanaa, qaamaa fi beekumsa gaggeessuun, naamusa guutuu fi sammuu cimaa akka qabaatu, akkasumas biyya isaa gahumsaan akka tiksuuf hojjetamaa jira.

Gama biraatiin, Humni Qilleensaa jijjiirama teeknooloojii itti fufiinsaan milkeessuuf yuunivarsiitiiwwan biyya keessaa fi michuuwwan idil-addunyaa waliin ta’uun dameewwan aviyeeshinii, injinariingii hawaa fi teeknooloojiiwwan quunnamtii ammayyaa irratti hojjechaa jira.

Kunis dandeettii teeknooloojii biyyattii guddisuu bira darbee beekumsaa fi ogummaa humna namaa guddisuuf gargaara.

Fuuldurattis sochii diinaa dursee adda baasuu fi fashaleessuuf qophaa’uun, balaa kamiyyuu gahumsaan qolachuuf dandeettii barbaachisu ijaaruun barbaachisaa dha.

Kunis Risaan Samii, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa, Asxaa Gootummaa ta’uu isaa mirkaneessee akka itti fufuuf daran kan gargaaruu dha.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.