Fana: At a Speed of Life!

Karra Galaanaa shira siyaasaan mulqamne karaa nagaa fi seeraan deeffachuu…

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2019 (FMC) – Diinonni kalessaa har’a Itiyoophiyaa diiguuf michoomanii fi qindooman akka hin taanetti cabaa jiru.

Sochiiwwan siyaasaa fi waraanaa Itiyoophiyaarratti akkasuma naannawaatti raawwatamaa jiran, namoota hedduu biratti falmii siyaasaa barame fakkaatanii mul’achuu danda’u.

Haa ta’uutii dhugaan duuba isaa jiru daran guddaa fi bu’aa tarsiimoo qubsama siyaasaati.

Walgahiin biyyoota naannichaa Kaayiroo keessatti gaggeeffame, akkasumas hariiroon waraanaa fi dipilomaasii cimaa Asmaraa fi Kaayiroo gidduutti uumame tasa kan raawwatame miti.

Ijipti, fedhii Karra galaanaa Itiyoophiyaa gufachiisuun kallattii Galaana Diimaa fi daangaa kaabaan sosochii ishee ukkaamsuu barbaaddi.

Eertiraan dheebuu aangoo fi fedhii olaantummaa naannawaatti qabdurraa kan ka’e Itiyoophiyaa waliin yaaddoo haaraa keessa seenuu hordofee Kaayiroo waliin haariiroo haaraa uumteetti.

Gareen seeraan alaa ABUT ammoo kisaarraa irra gahe golguuf jecha diinota kaleessaa Eertiraa fi Ijipti waliin michoomuun tattaaffii isa dhumaa taasisaa jira.

Seenaa diinummaa kaleessaa cinatti dhiisuun gaaddisa tokko jalatti walitti qabamaniiru.

Haa ta’uutii qaamoleen kunneen ummata Eertiraa fi Tigraay biratti fudhatama hin qaban.

Akkasuma gootichi Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa shiraa fi abjuu isaanii salphumaatti fashaleessaa jira.

Itiyoophiyaan shira siyaasaa Naannawaa Galaana Diimaatti taasifamu adeemsa Dippiloomaasii fi qophummaa humna waraanaan fashaleessuu cimsitee itti fufti.

Itiyoophiyaan faayidaa hin ammalleef hin feetu, mirga qaama biroo dhiibuus hin barbaaddu, haa ta’uutii mirgaa fi fedhii ishee karaa nagaa fi dippiloomaasiin, ta’uu dinnaan ammoo qophummaa humna waraanaa qabduun kabachiifachuuf cimtee hojjetti.

Itiyoophiyaan bara 1952–1993 keessaa buufata Asebii fi Mitsuwaa fayyadamaa turte.

Aseb buufata daldala isa guddaa Itiyoophiyaa ture.

Itiyoophiyaan bara 1993, Eertiraan erga walaba taatee booda,siyaasa shiraan buufata dhabde.

Ulaa Galaanaa kaleessa shiraan dhabde karaa nagaa, seeraa fi dippiloomaasiin deeffachuu itti fufti.

Abjuun Ijipti naannicharratti olaantummaa argachuuf qabdu, yaaddoon Eertiraa fi sochiin dhumaa ABUT, mirga Itiyoophiyaa dhorkuu hin danda’an.

Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaa bu’uura hammattoo seeraa idil addunyaa kan qabuu waan ta’eef karaa nagaa, marii fi waliigalteen raawwatama.

Itiyoophiyaan Karra Galaanaa argachuun ishee kan hin oolledha.

Siifan Magarsaatiin

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.