Manni Marichaa Yaada Murtii Hoggantootaa fi Miseensota Koreewwan Dhaabbii Ramaduuf Dhihaate Raggaasise
Finfinnee, Onkoloolessa 5, 2019 (FMC) — Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa walgahii idilee sadaffaa bara hojii isaa jalqabaa har’a gaggeesseen yaada murtii hoggantootaa fi miseensota koreewwan dhaabbii ramaduuf dhihaate qoratee raggaasiseera.
Af-yaa’iin Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa obbo Ahimad Shidee yaada murtii dhiheessaniin, adeemsa filannoo kaadhimamtootaa irratti bakka bu’oota mootummaa fi bakka bu’oota paartilee siyaasaa waliin mariin bal’aan gaggeeffamuu ibsaniiru.
Akkasumas, ramaddiin kun garaagarummaa hawaasaa, dandeettii, muuxannoo hojii fi paartilee morkattootaa Mana Marichaa keessatti bakka bu’ummaa qaban tilmaama keessa kan galche yoo ta’u, miseensota haaraa fi duraanii kan hammate akka ta’uuf carraaqqiin taasifamuu eeraniiru.
Haaluma kanaan, hoggantoonni koreewwan dhaabbii armaan gadii ramadamaniiru.
1. Dooktar Qana’aa Yaadataa — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa.
2. Obbo Taarjaat Dabool — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa.
3. Obbo Mallasaa Mannaa — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa.
4. Dooktar Issubaalaw Mabraat — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa.
5. Aadde Itsagannat Mangistuu — Walitti Qabduu Koree Dhaabbii Dhimmoota Diimokiraasii.
6. Obbo Caalaa Lammii — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Diimokiraasii.
7. Obbo Salamoon Laalee — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa, Aadaa fi Tuurizimii.
8. Obbo Xaahir Mahaammad — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Daldalaa, Aadaa fi Tuurizimii.
9. Obbo Dassaalany Wadaajee — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastirii fi Albuudaa.
10. Aadde Wolaayitee Itoo — Itti Aantuu Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Indaastirii fi Albuudaa.
11. Aadde Wassanech Toomaas — Walitti Qabduu Koree Dhaabbii Dhimmoota Tarsiimoo Biyyaalessaa, Baajataa fi Faayinaansii.
12. Aadde Zinnaash Tsaggaayee — Itti Aanntuu Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Tarsiimoo Biyyaalessaa, Baajataa fi Faayinaansii.
13. Dooktar Diimaa Nogoo — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa.
14. Dooktar Fatihi Mahadii — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa.
15. Aadde Yeshihassaab Tsaggaaw — Walitti Qabduu Koree Dhaabbii Dhimmoota Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa.
16. Dooktar Ishatuu Tamasgeen — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa.
17. Obbo Alamayyoo Ijjiguu — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misoomaa Magaalotaa fi Loojistikii.
18. Dooktar Awaqee Amzaayyee — Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bu’uuraalee Misoomaa Magaalotaa fi Loojistikii
19. Dooktar Abrahaam Alamayyoo — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Baasii Mootummaa, Bulchiinsaa fi To’annoo.
20. Aadde Araaree Moosisaa — Itti Aantuu Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Baasii Mootummaa, Bulchiinsaa fi To’annoo.
21. Obbo Nigaatuu Waldee — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bishaanii, Jallisii, Naannolee Gammoojjii fi Misooma Naannoo.
22. Aadde Nafiisaa Almahaadii — Itti Aantuu Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Bishaanii, Jallisii, Naannolee Gammoojjii fi Misooma Naannoo.
23. Aadde Masarat Hayilee — Walitti Qabduu Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa fi Ispoortii.
24. Aadde Jamiilaa Simbirruu — Itti Aantuu Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa fi Ispoortii.
25. Dooktar Nagarii Leencoo — Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Ramaddii Hojii fi Teeknooloojii.
26. Aadde Zahaaraa Samree — Itti Aantuu Walitti Qabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Ramaddii Hojii fi Teeknooloojii ta’uun moggaafamaniiru.
Manni Marichaa yaada murtii ramaddii hoggantootaa fi miseensota koreewwan dhaabbii ilaalchisee dhihaate, yaada murtii lakkoofsa 4/2019 jedhuun, sagalee guutuudhaan raggaasiseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa