Fana: At a Speed of Life!

Tilmaama Guddina Dinagdee Itiyoophiyaa Kan IMF’n wal sime

Finfinnee, Onkoloolessa 8, 2019 (FMC) — Tilmaamni guddina dinagdee Itiyoophiyaa Mootummaan biyyattii bara baajataa 2019’tti dhibbeentaa 10.2 akka guddatu kaa’e, tilmaama Dhaabbata Maallaqaa Addunyaan (IMF) kan wal simatee dha.

Akka tilmaama Dinagdee Addunyaa bara 2026tti Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) baaseetti, guddinni Omisha Waliigalaa Biyya Keessaa (GDP) Itiyoophiyaa dhibbeentaa 9.2 akka ta’u tilmaamameera.

Tilmaamni kun tilmaama dhibbeentaa 10.2 Mootummaan Itiyoophiyaa kaa’e waliin , kallattii guddina dinagdee saffisaa biyyattii irratti amanamummaa akka qabu agarsiisa.

Tilmaamonni lamaan walitti dhihaachuun milkaa’ina hojiiwwan misoomaa mootummaan dameewwan garaagaraa keessatti raawwate kan mul’isuudha. Keessumaa, damee qonnaa keessatti fooyya’iinsi oomishtummaa irratti taasifame, tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa hojiirra oolaa jiru akkasumas pirojektoonni gurguddoon misoomaa, kanneen akka Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fi pirojektoonni biroon babal’ina dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru.

Kaayyoon karoora misoomaa biyyaalessaa mootummaan kaa’ee fi tilmaamni dhibbeentaa 9.2 Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa kaa’e walitti dhihaachuun, imaammattoonni fooyya’iinsa dinagdee waliigalaa Itiyoophiyaa haala sirrii ta’een hojiirra oolaa jiraachuu kan mirkaneessuudha.

Walisimachuun tilmaama dinagdee lamaanii kun iamantaa nvastarooti idil-addunyaa gabaa biyyattii irratti qaban akka cimsatan taasisa. Kana malees, dandeettiin dinagdee biyyattii tilmaama dhaabbilee alaa waliin walitti dhihaachuun amanamummaa hojiirra oolmaa imaammattootaa cimsuun invastimantii kallattii alaa hawwachuuf gumaacha murteessaa qaba.

Dinagdeen Itiyoophiyaa bara darbe dhibbeentaa 9.2 guddina galmeessise, yeroo ammaa saffisa kana cimsee itti fufaa jira.

Kunis imala badhaadhina biyyaalessaa saffisaa fi waarawaa ta’eef bu’uura amanamaa kan kaa’ee dha.

Tewodiroos Saahileetiin

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.