Invastimantiin damee dhuunfaa dameewwan misoomaa biyyoonni dursa kennaniin hogganamuu qaba- Dooktar Iyyoob Takkaalliny
Finfinnee, Onkoloolessa 9, 2019(FMC)- Invastimantiin damee dhuunfaa dameewwan misoomaa biyyoonni dursa kennaniin hogganamuu qaba jedhan Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Iyyoob Takkaalliny.
Walga’ii waggaa Dhaabbata Maallaqaa Idil-addunyaafi Baankii Addunyaa Taayilaand Baankookitti gaggeeffamaa jiruun cinaatti waltajjiin marii misooma qabeenya namaa irratti xiyyeeffatu gaggeeffameera.
Dooktar Iyyoob Takkaalliny wayita kana Itiyoophiyaan hubannoo namtolcheefi ogummaa diijitaalaan bu’uura cimaa kaa’aa jirti jedhan.
Akka fakkeenyaattis hojiilee Imaammata hubannoo namtolchee bocuun fi Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolchee hundeessuun hojjette eeraniiru.
Dabalataanis tarsiimoo Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 hojiirra oolchaa akka jirtu ibsanii, sagantaa leenjii Koodaroota miiliyoona 5 fi Yuuniivarsiitii Hubannoo Namtolchee Ida’amuu irrattis ibsa kennaniiru.
Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa keessatti yaaliin hojiirra oolmaa leenjii hubannoo namtolchee eegalamuus kaasaniiru.
Kana malees Baankii Addunyaa waliin ta’uun sirna diijitaalaa dhaabbilee teeknikaafi ogummaa keessatti carraa hojii uumuu saffisiisu akkasumas fayyadamummaa dubartootaafi godaantotaa mirkaneessu ijaaramaa jira jedhaniiru.
Misoomni ogummaa itti gaafatamummaa waloo mootummaa, dhaabbilee leenjiifi hojjettootaa ta’uu eeruun, bu’aa qabeessummaan isaas baay’ina leenjifamtootaarra darbee ogummaa gonfataniifi carraa hojii uumeen madaalamuu qaba jedhaniiru.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa