Fana: At a Speed of Life!

Daandii Milkaa’ina Mul’ata Guddinaa Itiyoohiyaa

Finfinnee , Onkoloolessa 8, 2019(FMC) – Biyyi kamuu misooma fedha, guddina abbala.

Yaadamni guddinaa, mul’anni misoomaa kan dhugoomu, lafa ga’ee bu’aa qabatamaa jireenya lammiilee irratti kan fidu mul’ata dhugaa beekumsa haala qabatamaa biyyaa bu’uureffate fi imala addunyaa xiyyeeffannaa keessa galche yoo ta’ee dha. Kana malees akkaataa fi adeemsi hojiitti jijjiiramuu isaas dhimma murteessaa dha.

Biyyoonni haala qabatamaa isaanii ka’umsa godhachuun haala addunyaan walitti firoomsanii karoorsan fi tarsiimoo sirriin masakanii hojiirra oolchan milkaa’anii guddinaan adduyaaf fakkeenya ta’aniiru.
Kanaafis guddina dinagdee biyyoota Kibba Kibbaa fudhachuun ni danda’ama.

Mootummaa Ida’amuutiin kan hogganamtu Itiyoophiyaanis cabiinsa dinagdee barootaaf keessa turte furuuf haala qabatamaa biyyattii irraa ka’uun himaammata dinagdee hunda galeessa baafattee hojiirra oolchaa kan jirtu yoo ta’u, rifoormiin dinagdee mandhalee dameelee hedduu hammatee hojiirra oolaa jirus bu’aa qabatamaa fidaa akka jiru ragaaleen mootummaa fi kan dhaabbilee idil addunyaa mirkaneessaa jiru.

Itiyoophiyaan guddina dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf, invastimantii mootummaa qofarratti hirkachuu irraa gara dinagdee dameen dhuunfaan hogganamuutti ce’uuf haaromsa dinagdee bal’aa jalqabdeetti.

Haaromsi kun jijjiirama qabatamaa gabaa sharafa alaa, imaammata maallaqaa, galii mootummaa, daldala alaa fi haala invastimantii fooyyessuu of keessatti fideera.

Kanaanis Itiyoophiyaan bara baajataa 2025/26tti guddina dinagdee waliigalaa dhibbeentaa 9.2n galmeessuu akka dandeesse ragaan dhaabbata

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.