Fana: At a Speed of Life!

Ummattoota keenya waliin taanee misoomaa fi Nageenyaaf ni hojjenna  – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2019 (FMC) – Ummattoota keenya waliin taanee misoomaa fi Nageenyaaf ni hojjenna  jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad turtii Afaan Tigreen taasisaniin, hanga filannoon idilee gaggeeffamee bulchiinsi hundeeffamutti ummataa fi dhaabbilee naannichaa eegaa jechuun ummata naannichaaf ergaa dabarsaniiru.

Ummanni Tigraay biyya keessaa fi alaa jiran gara nagaatti ni deebi’u, haadholiin ijoollee isaanii waliin wal argu, diinagdee fi misoomni hawaasummaa bakkatti ni deebi’u jechuun dubbatan.

Uummanni Tigraay qaamolee nageenyaa waliin akka hojjetan, dargaggoonni hidhatan hidhannoo isaanii kennuun gara sirna haaromsaatti akka galan gaafatan Dooktar Abiy Ahimad.

Akkasuma hoggantoonni siyaasaa fi waraanaa harka akka kennatan waamicha dhiyeessaniiru.

Qaamni yakka hojjete yoo jiraate, seera biyyattiin murtii argata, nagaa ta’e ammoo biyya isaa keessa nagaan jiraata jedhan.

Ummattoota keenya waliin taanee misoomaa fi Nageenyaaf ni hojjenna  jechuun yaadachiisan.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.