Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaadota Marii Biyyaalessaarratti Dhihaatan Hojiirra Oolchuuf Ciminaan Hojjeta — Obbo Ahimad Shidee
Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019 (FMC) — Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa yaadota marii biyyaalessaarratti dhihaatan hojiirra oolchuuf ciminaan akka hojjetu Af-yaa’iin Mana Marichaa Ahimad Shideen ibsan.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa sagantaa beekamtii fi galateeffannaa Komishinaroota Komishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiif qopheesse gaggeesseera.
Saganticharratti Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Itti Gaafatamaa Olaanaan Mootummaa, obbo Fiqaaduu Tasammaa, miseensonni Mana Marichaa, komishinaroonni Komishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru.
Af-yaa’iin Mana Marichaa Ahimad Shideen yeroo kanatti akka ibsanitti, mariin biyyaalessaa kun rakkoolee Itiyoophiyaa keessatti waggoota dheeraaf walitti kuufamaa turan marii fi waliigalteen furuun akka danda’amu kan agarsiiseefi bu’aa guddaan irraa kan argameedha.
Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 4 mari’achuun ijaarsa biyyaatiif bu’uura kaa’aniiru kan jedhan Obbo Ahimad, mariin kun sirna siyaasaa qaroomaa ijaaruuf gumaacha gaarii akka qabu ibsaniiru.
Manni Marichaa Komishinii Maree Biyyaalessaa labsii baasee hundeessuu irraa eegalee, milkaa’ina hojiiwwan komishinichaa mirkaneessuuf itti gaafatamummaa isaa bahaa turuu kaasaniiru.
Yaadota marii biyyaalessaarratti dhihaatan hojiirra oolchuu, akkasumas dhimmoonni seera ta’uu qaban gara seeraatti jijjiiramanii hojii irra akka oolan gochuuf Manni Marichaa ciminaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Gama isaaniin, Komishinarri Olaanaan Komishinii Maree Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dooktar Masfin Ar’aayaa, Itiyoophiyaa tajaajiluun kabaja guddaa akka ta’e ibsuun, beekamtii har’a kennameefis kabajaan akka simatan dubbataniiru.
Marii biyyaalessaa bu’a qabeessa taasisuuf komishinichi adeemsa hunda hirmaachise hordofuu kan ibsan Dooktar Masfin, adeemsi marii biyyaalessaa kun sadarkaa idil-addunyaattis beekamtii argachuu isaa dubbataniiru.
Kana malees, yaadota marii biyyaalessaarratti adda baafaman hojiirra oolchuuf gaheen qaamolee dhimmi ilaallatuu cimee itti fufuu akka qabu cimsanii hubachiisuu isaanii ENA’n gabaaseera.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa