Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti hojiileen tajaajila uummataa jalqabsiisuuf dandeesisan eegalaman

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019(FMC)- Naannoo Tigraayitti hojiileen tajaajila uummataa jalqabsiisuufi nageenya mirkaneessuuf dandeessisan eegalamaniiru jedhan Raawwachiisaa Olaanaan Bulchiinsaafi Tajaajila Uummataa obbo Asaffaa Abrahaan.
 
Hojii Raawwachiistonni Olaanoon Bulchiinsa Yeroo naannichaa guyyaa har’aa barsiisotaafi qaamolee bulchiinsa manneen barnootaa magaalaa Maqalee waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.
 
Obbo Asaffaa Abrahaan wayita kana, gareen seeraan alaa ABUT torban lama keessatti Finfinnee to’adheen mootummaa diiga jedhee waraana eegalus yeroo gabaabaa keessatti injifatamuun biyya keessaa duguugamee akka bahu godhameera jedhan.
 
Yeroo ammaa kana naannichatti nageenyi bu’uu kaasanii, tajaajiloota hawaasummaafi diinagdee dursi kennameef irratti kenniinsa tajaajilaa eegaluuf hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Haaluma Kanaan adeemsa baruufi barsiisuu eegalchiisuuf qophiileen taasifamuu fi magaalaa Maqalee dabalatee iddoowwan birootti hojii baruufi barsiisuu eegalchiisuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
 
Sadarkaa aanaafi gandaatti uummanni kallattiin kantiibaafi bulchitoota isaa akka filatuuf hojjetamaa jiraachuu eeranii, koreewwan bulchiinsaa erga gurmaa’aniin booda gurmaa’iinsa poolisiifi milishaa cimsuun tasgabbiin naannichaa guutummaatti akka mirkanaa’u ni taasifama jedhaniiru.
 
Naannichatti rakkoo sababa hongeen buqqaatota irra gahe furuuf mootummaa federaalaa, dhaabbilee biyya keessaafi idil-addunyaa waliin ta’uun sirni raabsaa deeggarsaa qindaa’aa ta’e akka diriirfamu ibsaniiru.
 
Bulchiinsi Imaanaa yeroo itti aanutti hojiileen dameewwan fayyaa, qonnaa, siiviil sarvisiifi daldalaa guutummaatti haala duraatti akka deebi’an gochuun uummanni misoomarraa qixa akka fayyadamuuf ni hojjeta jedhaniiru.
 
Yoonaas Geetinnatiin.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.