Humna Qilleensaa ammayyaa yeroo gabaabaa keessatti ergama injifannoon xumuru – Gaachana Samiirraa
Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) –Birmadummaa biyya tokkoo haala amansiisaa ta’een kabachiisuuf Humna Qilleensaa ammayyaa ijaaruun dhimma ijoodha.
Naannawaa daangaa qilleensaa xiyyeeffannoon hordofuun, sodaa kamiiyyuun saffisaan adda baasuuf ittisuun ergama olaanaa Humna Qilleensaatti.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaas muuxannoo kaleessaa teeknooloojii ammayyaan kurfeessuun daangaa qilleensaa eeguuf qophummaarratti argama.
Humnichi waggoota 90’n darban muuxannoo waraanaa olaanaa, gootummaa fi wareegamaan ce’eera.
Riifoormii Raayyaa Ittisaa Mootummaa Ida’amuu fi yaadama Ida’amuun durfamuun hojiileen humna qilleensichaa bu’uura cimaa qabasiisaan hojjetamaniiru.
Humna Namaa ga’umsa ogummaa waraanaa, namuusaa fi duudhaalee tokkummaa biyyaalessaa qaban ijaaruun dhaabbatichi nageenyaa fi birmadummaa biyyaaf gaachana ta’eera.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata humnoota daangaa biyyaa sarbuuf yaalaniif qoricha ta’ee tajaajiluudha jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Raayyichi qophaa’ummaa xiin-sammuufi teeknooloojiin humna nageenya Itiyoophiyaa eegsisu ta’ee kan itti fufu ta’uus eeran.
Diroonota hojii dameewwan garaagaraaf oolan ogeeyyii biyya keessaa qofaan dandeettii ofiitiin dizaayinii qopheessanii oomishuuf dandeettii horachuun Itiyoophiyaaf tarkaanfii seenaa qabeessa ta’uu kaasan.
Dandeettiin kun bilisummaa teeknooloojii cimsuu bira darbee, gahumsa ittisaa biyyattii caalaatti guddisuuf gargaara jedhan.
Teeknooloojiin kun sochii diinaa battalumatti hordofuu, odeeffannoo walitti qabuu fi xiinxaluu, akkasumas deebii saffisaa fi sirrii kennuuf gumaacha olaanaa qaba.
Ajajaan Olaanaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa, Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan gama isaaniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa daangaa qilleensaa biyyattii haleellaa kamirraayyuu eeguu fi ittisuu haala dandeessisu irra gaheera jedhan.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa gootummaa lolaan qorame, kasaaraa xiqqaan ergama milkaa’inaan xumuruuf muuxannoo kan horateedha.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa