Fana: At a Speed of Life!

Bu’uura Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa: Hidha Haaromsaa irraa Hanga Ulaa Galaanaatti

Finfinnee, Onkoloolessa 12, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan seenaa fi haala ji’oopoolitikaa Baha Afrikaa keessatti gahee olaanaa qabdu yeroo hunda bilisummaa, birmadummaa fi misooma haqaqabeessaaf dhaabbachuu isheetiin beekamti.

Imala siyaasaa bishaanii keessatti Itiyoophiyaan boqonnaawwan seena qabeessa ta’an lama qabdi. Isaanis xumuramuu ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa fi ulaa galaanaa duraan dhabde deebifachuuf taasiftu dha.

Hidha Haaromsaa Guddichi dhiibbaa garaagaraa dandamachuun tokkummaa cimaa Itiyoophiyaanotaan milkaa’inaan xumurameera. Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu immoo yeroo ammaa ajandaa faayidaa biyyaalessaa isa dursa qabu ta’ee ka’eera.

Pirojektiin ijaarsa Hidha Haaromsaa yeroo ifatti jalqabame, sadarkaa idil-addunyaatti dhiibbaan siyaasaa, dinagdee fi dippilomaasii hedduun isa mudatee ture.

Haa ta’u malee, Itiyoophiyaan deeggarsa alaa malee, humna ofii fi kutannoo cimaadhaan pirojektii guddaa kana xumuruun danda’ameera.

Ija siyaasaa bishaanii irraa yeroo ilaalamu, hidhi kun Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa isheetti haqa qabeessa ta’een fayyadamuu akka dandeessu kan mirkaneesse injifannoo seena qabeessa dha.

Itiyoophiyaan madda bishaan Naayilii keessaa dhibbeentaa 86 taatus, jaarraa hedduudhaaf qabeenya uumamaa isheetti akka hin fayyadamne rakkooleen garaagaraa gufuu ta’anii turan.

Hidha Haaromsaa Guddichi adeemsa jal’ataa kana kan cabse qofa osoo hin taane, yaa’a bishaan lagichaa tasgabbeessuun biyyoota yaa’a bishaanii gadiitti argaman balaawwan lolaa irraa ittisuufis gumaacha qaba. Kana malees, pirojektiin kun biyyoonni naannichaa qabeenya bishaanichaa irraa waliin akka fayyadaman kan deeggaru dha.

Milkaa’inni Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa isheetti fayyadamuu irratti mudate ture hiikuu akka dandeesse kan agarsiisu yoo ta’u, kallattiin xiyyeeffannoo biyyaalessaa fi naannawaa itti aanu immoo dhimma ulaa galaanaa argachuu ta’eera.

Itiyoophiyaan baay’ina ummataatiin biyyoota ulaa galaanaa hin qabne keessaa addunyaa irratti isa guddaa dha.

Seera idil-addunyaa fi waliigaltee seera galaana addunyaa irratti hundaa’uunis, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne waliigaltee fi qajeeltoo misooma waliinii irratti hundaa’uun galaana ga’uuf mirga qabu.

Sochiin Itiyoophiyaan filannoowwan buufata doonii bal’isuuf taasiftu karaa nagaa fi waliigaltee irratti kan hundaa’e dha.

Carraa ulaa galaanaa argachuuf tattaaffiin Itiyoophiyaan taasiftu faayidaa biyyoota ollaa kan tilmaama keessa galche yoo ta’u, daldala, invastimantii fi walitti hidhamiinsa dinagdee waliinii irratti kan hundaa’e dha.

Hidha Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaaf bu’uura indastirii fi dinagdee yoo ta’u, ulaa galaanaa argachuun immoo oomishaalee biyyattii gabaa addunyaatti dhiyeessuu fi daldala alaa babal’isuuf ujummoo dhiigaa murteessaa dha.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dinagdee isheef ujummoo dhiigaa murteessaa ta’e kana sababa shira fi hoggantoota amala gantummaa qaban irraa kan ka’e dhabde ta’us, tarkaanfiiwwan yeroo ammaa fudhachaa jirtu rakkoo kana furuuf kan akeekaman dha.

Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaatiin ejjennoo biyyaalessaa hin cabne, kutannoo fi adeemsa dippilomaasii cimaa galmeessiteetti. Kunis dhimma ulaa galaanaa irratti karaa nagaa fi seera qabeessa ta’een furmaata waaraa argachuu akka dandeessu kan agarsiisu dha.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Immabeet Sisaayiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.