Fana: At a Speed of Life!

Dhiyeessii manneen jireenyaa guddisuu fi gatii madaalawaa ta’e taasisuuf ni hojjenna – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2019 (FMC) –Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen daballiin gatii sababa malee taasifamu to’achuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’ataniiru.

Rakkoolee dhiyeessii bu’uura irraa furuun, sirna gabaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuun, daballii gatii seeraan alaa to’achuun dhiibbaa jireenyaa lammiilee hir’isuuf waliin hojjechuuf waliigaltee irra gahameera jedhan.

Magaalaa keenya keessatti daballii gatii sababa malee meeshaalee bu’uuraa guyyaa guyyaa fi kiraa manneen jireenyaa irratti mul’atu to’achuufi dhiibbaa jireenyaa jiraattota keenyaa hir’isuuf furmaata yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa gaggeessineerra jedhan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Daballiin gatii sababa malee taasifamu to’achuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin mari’anneerra!

Magaalaa keenya keessatti daballii gatii sababa malee meeshaalee bu’uuraa guyyaa guyyaa fi kiraa manneen jireenyaa irratti mul’atu to’achuufi dhiibbaa jireenyaa jiraattota keenyaa hir’isuuf furmaata yeroo gabaabaa fi yeroo dheeraa irratti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa gaggeessineerra.

Mari’icha irratti gatiin foonii, zayita nyaataa, daabboo, bishaan paakeejii fi kiraa manneen jireenyaa irratti dabalaa jiru madaalameera. Rakkoo kana bu’uura irraa furuufi sirna gabaa haqaqabeessa ta’e mirkaneessuuf tarkaanfiiwwan ijoo armaan gadii fudhachaa jirra.

1. Dhiyeessii oomishaa guddisuu
Dhiyeessii oomishaalee bu’uuraa guddisuun tasgabbii gatii mirkaneessuufi hawaasni oomishaalee barbaachisoo ta’an gatii madaalawaan akka argatu haala mijeessaa jirra.

2. Giddugala gabaa babal’isuu fi sansalata daldaltoota gidduu galanii gabaabsuu
Oomishtootaafi fayyadamtoota kallattiin walqunnamsiisuuf karraalee seensaa magaalattii irratti giddugala gabaa hundeessuuf hojjechaa jirra. Hawaasnis giddugaloota gabaa kanneen irraa bitachuun oomishaalee gatii madaalawaan dhiyaatan akka fayyadamu ni jajjabeessina.

3. Waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaa cimsuu
Dhiyeessiifi qulqullinni oomishaalee waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaa akka guddataaniif Birrii miliyoona 500 dabalataan maallaqa naanna’aa (Revolving Fund) ramadneerra.

4. Gabaa Dilbataa babal’isuu
Fayyadamtoonni oomishaalee bu’uuraa guyyaa guyyaa gatii madaalawaan akka argatan gabaa Dilbataa babal’isuufi dhiyeessii isaa cimsuuf hojjechaa jirra.

5. To’annoo gabaa fi kabajamuu seeraa cimsuu
Qaamolee sirna gabaa cabsanifi gatii sababa malee dabalan irratti to’annoo fi hojii seera kabachiisuu cimsinee itti fufna.

6. Dhimma kiraa manneen jireenyaa
Hariiroon abbootii qabeenyaa manneenii fi kireeffattootaa seera, waliigaltee kiraa fi itti gaafatamummaa waloo irratti hundaa’uu qaba. Lammiileen mirga isaanii karaa seera qabeessa ta’een akka kabachiifatan, akkasumas rakkoolee isaan mudatan ragaa gahaa waliin qaama dhimmi ilaallatuuf akka dhiyeessan ni jajjabeessina. Akkasumas, dhiyeessii manneen jireenyaa dhaqqabamaa fi gatii madaalawaa ta’e guddisuun furmaata waaraa keessaa isa tokko dha.

Mari’ii keenyaanis rakkoolee dhiyeessii bu’uura irraa furuun, sirna gabaa haqaqabeessa ta’e mirkaneessuun, daballii gatii seeraan alaa to’achuun dhiibbaa jireenyaa lammiilee hir’isuuf waliin hojjechuuf waliigaltee irra geenyeerra.

Hawaasni baasii jireenyaa hir’isuuf waldaalee hojii gamtaa fayyadamtootaa fi gabaa Dilbataa bulchiinsi magaalichaa qopheesse irratti argamuun oomishaalee barbaachisoo ta’an gatii madaalawaan akka bitatan waamicha keenya dhiyeessina.

Qaamoleen daballii gatii sababa malee raawwatan gocha isaanii irraa akka of qusatan ni akeekkachiifna.

Dabalataanis, lammiileen daballii gatii sirrii hin taane yookaan seera gabaa cabsuun yoo isaan mudate, ragaa gahaa dhiyeessuun qaama Bulchiinsa Magaalaa dhimmi ilaallatuuf akka gabaasan, odeeffannoo hin mirkanoofne akka hin tamsaasneefi sirna gabaa haqaqabeessa ta’e deeggaruuf waliin akka hojjetan nan dhaama.

Dhiibbaa jireenyaa lammiilee hir’isuufi sirna gabaa haqaqabeessa ta’e mirkaneessuun itti gaafatamummaa keenya waloo dha!

Waaqayyon Itiyoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.