Fana: At a Speed of Life!

Namoota yakka malaammaltummaa Birrii biiliyoona 1 olii raawwachuun shakkamanirratti himanni baname

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Namoota Ijaarsa Piroojektii Ministeera Hojii fi Ogummaa irratti yakka malaammaltummaa Birrii biiliyoona 1 olii raawwachuun shakkaman irratti himanni baname.

Piroojektii sirna odeeffannoo hojii gabaa Itiyoophiyaa Ministeera Hojii fi Ogummaa irratti yakka malaammaltummaa cimaa raawwachuun kan shakkaman hojii raawwachiisaa waajjira Piroojektichaa kan turan Birhaanuu Alaqaa Asagadoomii fi miiltoowwan isaa irratti himanni banameera.

Poolisiin Federaalaa qorannoo Adoolessa 17, 2018 eegalee gaggeessaa xumuruun Ministeera Haqaatti Abbaa Alangaa waliigalaaf erguu hordofee shakkamtoota kanneenirratti himanni banameera.

Obbo Birhaanuun namoota biroo waliin ta’uun yakka kana raawwachuuf herregoota baankii sobaa lama akka banaman taasifamuun, karaa seeraan alaa waliigalaan Birriin biliyoona 1, miiliyoona 13 fi kuma 609 ol walitti qabamuu qorannoon mirkanaa’eera.

Lammiilee Itiyoophiyaa kuma 64 fi 500 sanadoota viizaa sobaa fayyadamuun gara Yoordaanosii fi biyyoota Arabaa biroo erguudhaan dararaa cimaaf akka saaxilaman qorannoon poolisiin gaggeesse mirkaneesseera.

Maallaqa yakka kanaan argameen maqaa shakkamaatiin kutaa magaalaa Lammii Kuraa, Boolee fi Qiirqoos keessatti manneen jireenyaa ammayyaa 6 bitaman to’annoo jala oolaniiru.

Gatiin manneen kunneen tokkoon tokkoon isaanii Birrii miiliyoona 55 hanga miliyoona 68 ta’uu qorannichaan mirkanaa’eera.

Dabalataan konkolaataan ammayyaa V6 tokko Birrii miiliyoona 68’n bitame ragaa yakkaa ta’ee akka qabamu taasifameera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.