Fana: At a Speed of Life!

Guddinni Itiyoophiyaa naannolee fi lammiilee hunda walqixa akka hammatu hojjechuu itti fufna! – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) –Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Piroojektii Hidha Jallisii Magaci eebbisiisaaniiru.

Misoomni Itiyoophiyaa naannolee fi lammiilee hunda walqixa akka hammatu ciminaan hojjechuu keenya itti fufna! jedhan ergaa fuula miidiyaa isaaniin dabarsaniin.

Piroojektichi baroota dheeraaf harkifatee turus yaadama Ida’amuun rakkoolee raawwii turan furuun gara eebbaatti jijjiiruun danda’ameera jedhan.

Piroojektichi Bishaan Meetir Kiyuubii miiliyoona 100 fi miiliyoona 85 ol kan qabatuu fi lafa hektaara kuma 17 misoomsuu danda’a.

Piroojketicha hordoffii cimaa fi deeggarsa taasisuun milkeessuun danda’amuu eeran.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.