Fooramiin tumsa lubbuu baraaruu fi nageenya galaanarraa biyyoota naannawichaa xumurame
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Qajeelchi Waliigalaa Humna Galaanaa Itiyoophiyaa gamtaa Awurooppaa waliin kan qopheessan Fooramiin nageenya galaanarraa biyyoota naannawichaa xumurameera.
Ajajoonni Humna Galaanaa, Itiyoophiyaa, Yeman, Oomaan,Jibuutii, Somaaleelaandii fi Puuntilaandi fooramicharratti hirmaataniiru.
Fooramichaan biyyoonni kunneen hojii lubbuu baraaruu fi Nageenya irratti muuxannoo waliif qoodaniiru.
Ajajaa Ittaanaan Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Komoodoor Jamaal Tuffisaan, naannawaa adda baasuu, shaakala hojii waraanaa waloo gaggeessuu fi odeeffannoo daangaa ce’aa waljijjiiruun nageenya galaanaa naannichaa eeguuf dandeettii qabatamaa uumuun danda’ameera jedhan.
Ogeessi Piroojektii Barbaacha fi Lubbu Baraaruu, Reer Admiiral Keenet Nijensi, fi Hogganaan Koodii Naamusa Galaanaa Jibuutii, Maastar Kuraajaa Mishiinii, gama isaaniin, balaa naannichatti uumamuu danda’u ittisuuf odeeffannoo waljijjiiruun fi murtoowwan madaalawaa dabarsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hirmaattonni fooramichaas kaka’umsa Humni Galaanaa Itiyoophiyaa agarsiiseef galata dhiyeessuun, waliin hojjechuuf kutannoo cimaa qabaachuu isaanii mirkaneessuu ragaan Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa