Fana: At a Speed of Life!

Ergaa Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2019 (FMC) – Yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa mata duree “Guddinaaf Hogganuu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti argamuun ergaa dabarsaniiru.

Wiirtuu Afrikaa kan taate Finfinneen, waltajjii guddaa ardii kana keessummeessuun ishee hunda keenyaa ni boonsa jedhan Dooktar Abiy.

Yaadama Ida’amuu bu’uura godhachuun, tokkummaa uummataa, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa hunda hammataa ta’e mirkaneessuun murteessaa ta’uu eeran.

Paartileen siyaasaa dorgommii filannoo qofa osoo hin taane, dhimma biyyaalessaa fi waliigalteen biyyaalessaa akka uumamu,akkasuma faayidaa biyyaatiif akka hojjetan gaafatan.

‎Dhaloonni itti aanu itti gaafatamummaa fudhachaa akka guddatu,carraas akka argatu haala mijataa uumuun barbaachisaa ta’uu kaasan.

Itiyoophiyaan leenjii Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaan kennitu Paartilee Siyaasaa Afrikaa hundaaf banaa gochuu itti fufti jedhan.

Uummata keenyaaf carraa fooyya’aa ijaaruuf itti gaafatamummaa nurra eegamu bahuu itti fufuu qaba jedhan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.