Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa Waliigaltee Finfinnee raggaasuun xumurame

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Waltajjiin 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa mata-duree “Guddina Diriirsuu: Paartileen Siyaasaa Akka Arkiteektoota Diinagdee Afrikaa Egeree” jedhuun guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffamaa ture, ibsa waliinii baasuun har’a milkaa’inaan xumurame.

Waltajjicha irratti hoggantoonni paartilee siyaasaa Afrikaa, ardichi gara sadarkaa dinagdee olaanaatti akka ceetuuf galma ga’uuf kutannoo qaban kan mirkaneessu, qabxiiwwan 22 kan qabu Ibsa Finfinnee (Addis Ababa Declaration) ifatti raggaasisaniiru.

Ibsa kanaanis jijjiirama dinagdee Afrikaa keessatti itti gaafatamummaan olaanaan hoggansa siyaasaa irra akka jiru paartileen kunneen mirkaneessaniiru.

Ardittiin al-ergii meeshaalee dheedhii irratti hirkachuu keessaa ba’uun oomisha biyya keessaa, babal’ina indaastirii fi ijaarsa dandeettii teeknooloojii irratti akka xiyyeeffattuuf waliin hojjechuuf waliigalaniiru.

Paartileen kunneen jijjiirama aangoo mootummaa heera mootummaa utuu hin hordofne kaawwatamu kamiyyuu guutummaatti kan balaaleffatan ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas, itti gaafatamummaa dimokiraatawaa fi dorgommii siyaasaa nagaa irratti kutannoo qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru.

Fooyya’iinsa dhaabbilee Dubartoonni hoggansa siyaasaa fi murteessummaa dinagdee keessatti hirmaannaa walqixa akka qabaatan dandeessisan gaggeessuufis waliigalaniiru.

Dandeettii dargaggoota ardichaa fayyadamuufis barnootaa fi carraa hojii uumuu irratti hojjechuuf waadaa galaniiru.

Sanada tarsiimawaa haaraa “APPI Agenda 2040” jedhamu fi Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063n walsimu, akkasumas mul’ata waloo paartileen siyaasaa Afrikaa gara fuulduraatti hordofan kan murteessu qopheessuuf marii jalqabuufis murteessaniiru.

Kana malees, Chaartariin APPI ifatti raggaasifamuu fi waajjirri hoggansa jalqabaa hundeeffamuun isaa ibsameera.

Akkaadaamii Siyaasa Hoggansa Jijjiiramaa Itiyoophiyaa keessatti argamu dabalatee, manneen barnootaa siyaasaa Afrikaa cimsuuf deeggarsa guutuu taasisuuf waliigalaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaa simannaa olaanaa fi tumsa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Mootummaan Itiyoophiyaa, ummanni Itiyoophiyaa akkasumas Paartiin Badhaadhinaa taasisaniif galateeffataniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Alamsaggad Asayyeetu gabaase

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.