Seenaa Islaamaa fi duudhaalee hafuuraa Itiyoophiyaa ijaarsa mootummaa fi qaroomina biyyaaf oolchuun barbaachisaa dha – Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Seenaa Islaamaa fi duudhaalee hafuuraa Itiyoophiyaa ijaarsa mootummaa fi qaroomina biyyaaf oolchuun akka barbaachisu Ministira Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa hubachiisaniiru.
Waltajjiin xumura Yaa’ii Idilee 1ffaa, Waggaa 2ffaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa, Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa bakka argamanitti gaggeeffameera.
Obbo Tamasgeen ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, seenaa Islaamaa fi duudhaalee hafuuraa Itiyoophiyaa ijaarsa mootummaa fi qaroomina biyyaaf oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Seenaan Nabi Yusuuf barnoota gurguddoo Qur’aana Qulqulluu keessatti argaman keessaa tokko ta’uu eeranii, jaalala maatii fi gantummaa, rakkinaa fi qormaata akkasumas dhuma irratti amantii fi obsaan dhugaa mo’achuu akka barsiisu ibsaniiru.
Itiyoophiyaanis seenaa ishee keessatti shiraawwanii fi gantummaawwan hedduu keessa darbuu kan ibsan Obbo Tamasgeen, biyyattiin kiyyoo ishee irratti xaxame hunda ciccirtee kabajaa fi qaroomina ishee irraa eegamuutti akka deebitu amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan seenaa Islaamaa keessatti bakka addaa kan qabdu ta’uu ibsuun, biyya guddistuu Nabii Muhammad (SAW) kan taate Ummu Ayman, mu’azzina jalqabaa Bilaal, godaansa jalqabaa Muslimootaa fi biyya Najjaashii ta’uu yaadachiisaniiru.
Akkasumas, Harar magaalaa qulqulluu Muslimootaaf sadarkaa afraffaa irratti argamtu jedhamtee kan waamamtu ta’uu kaasaniiru.
Dhaala seenaa fi aadaa kana ijaarsa mootummaa, turizimii fi hariiroo idil-addunyaaf sirnaan fayyadamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Mootummaan Ida’amuu hafuura amantii akka humna biyyaalessaa guddaatti kan ilaalu ta’uu ibsuun, humna kana sirnaan yoo fayyadamne mootummaa cimaa ijaaruun ni danda’ama jechuun ibsan.
Mootummaanis dhaabbileen amantii ciminaafi gahumsa kan qaban akka ta’an deegarsa taasisaa turuu eeraniiru.
“Waan biyya keenyaaf hin hojjenne namni biraa nuuf hin hojjetu; waan nuti hin guddisne namni biraa nuuf hin guddisu; nageenya nuti hin eegne immoo namni biraa nuuf hin eegu” jechuun hubachiisaniiru.
Akkasumas, “Namoonni ummataaf baay’ee faayidaa qaban Rabbiin birattis baay’ee jaallatamoo dha” akkuma jedhame, jireenya ummata keenyaa, fayyaa, barnootaa fi nageenya fooyyessuu akkasumas qaroomina Ida’amuu Itiyoophiyaa ijaaruuf hojii gaarii hojjennee darbuu qabna jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa