Fana: At a Speed of Life!

Paartiin Badhaadhinaa Itti Gaafatamummaa Inniisheetivii Paartilee Siyaasaa Afrikaa Cichoominaan Ni Ba’ata – Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Onkoloolessa 28, 2019 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa itti gaafatamummaa Inniisheetivii Paartilee Siyaasaa Afrikaa isaaf kenname cichoominaa fi kutannoon akka ba’atu Pirezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Paartichi waajjira Inniisheetivii Paartilee Siyaasaa Afrikaa Finfinneetti baname hoogganuuf itti gaafatamummaa Barreessaa Olaanaa akka fudhatu murtii waltajjii irratti darbe gammachuudhaan akka simatu mirkaneessaniiru.

Obbo Adam Faaraah, paartileen waltajjicharratti hirmaatan amantaa guddaa paartii isaaniif kennaniif galateeffachuun, itti gaafatamummaa isaanitti kenname cichoominaa fi kutannoon akka ba’atan ibsaniiru.

Waltajjiin Paartilee Siyaasaa Afrikaa bara 2026 Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture har’a milkaa’inaan xumurameera.

Ergaa xumura waltajjichaa ilaalchisee dabarsaniin, dhimmoota imala gara fuulduraa ardichaa keessatti murteessoo ta’an irratti xiyyeeffachuun marii bal’aa gaggeessuu himaniiru.

Dhimmoota mari’ataman keessaa dandeettii paartilee siyaasaa guddisuu fi hoggantoota gahumsaa fi naamusa qaban ijaaruu, dhaabbilee dimokiraatawaa cimsuu, qabeenya uumamaa fi dandeettii jiru gara humna misoomaa qabatamaatti jijjiiruun imala badhaadhina biyyoota Afrikaa saffisiisuu, akkasumas waadaa siyaasaa gara guddina diinagdee qabatamaa fi badhaadhina walootti jijjiiruu akka ta’e ibsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa dhimmoota murtii waltajjichaan Labsii Finfinnee jalatti hammataman hojii irra oolchuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Inniisheetiviin Paartilee Siyaasaa Afrikaa (APPI) waajjirri isaa Finfinneetti akka banamu, itti gaafatamummaan Barreessaa Olaanaa waajjiricha hoogganus bakka bu’aa Paartii Badhaadhinaaf akka kennamu murtii waltajjicharratti darbe gammachuudhaan akka simatan ibsaniiru.

Paartileen hirmaatan amantaa guddaa paartii isaaniif kennaniif galateeffachuun, itti gaafatamummaa isaanitti kenname cichoominaa fi kutannoon akka ba’atan irra deebi’anii ibsaniiru.

Inniisheetiviin Paartilee Siyaasaa Afrikaa wiirtuu marii, muuxannoo waljijjiiruu fi ijaarsa dandeettii paartilee siyaasaa Afrikaa akka ta’uuf kutannoodhaan akka hojjetu eeraniiru.

Kana malees, kallattii Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad kaa’aniin, Akkaadaamii Gahumsa Hoogganummaa Afrikaa (AFLEX) waliin ta’uun dandeettii hoggantoota paartilee siyaasaa cimsuuf akka hojjetan ibsaniiru.

Ga’umsi hogganummaa itti gaafatamummaa hojii irra oolmaa bulchiinsa dimokiraatawaa fi badhaadhina diinagdee waliin akka walsimu gochuuf xiyyeeffannoon akka hojjetanillee dubbataniiru.

Giddugala Bulchiinsaa Afrikaa, paartilee siyaasaa hirmaatan, Gamtaa Afrikaa, qindeessitootaa fi qaamolee milkaa’ina waltajjichaa keessatti gumaacha taasisan hundaaf galata dhiyeessaniiru.

Dhumarrattis, yaada Ida’amuutiin hogganamuun dandeettiiwwan garaagaraa gara milkaa’ina walootti jijjiiruu fi waadaa waltajjicharratti galame gara faayidaa ummataa waaraa ta’etti jijjiiruuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.