Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer liigichaan morikaan har’a Maanchiister Yuunaayitid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingilaandi taphoota torbee 10ffaan morkiin har’a Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama.

Piriimeer liigichaan har’a waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee taphoonni 4 kan taphataman yoo ta’u, Biraayitan – Bireentifoord, Kiristaal Paalaas – Liiverpuul, Ippisiiwich Taawoo – Boornimaawuuz, akkasuma Sandarlaandi -Cheelsii waliin taphatu.

Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin falmata.

Liigichaan sadarkaa 18ffaarratti kan argamu Yuunaayitiid taphoota 9 taphate keessaa tapha tokko qofa injifate.

Taphoota 4 qabxii qooddachuun taphoota 4 ammoo injifatameera.
Taphoota salgan darbanirratti galchiiwwan 15 keessummeessun galchiin 10 qofa lakkoofsise.

Astoon Viilaan ammoo galchiiwwan 13 keessummeessuun galchiiwwan 10 lakkoofsiseera.

Taphoota sagal keessaa 3 injifachuun, 3 qabxii qooddachuun, 3 ammoo injifatameera.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 202 keessaa Maanchiiste Yuunayitiid yeroo 108 injifachuun olaantummaa yoo qabaatu, Astoon Viilaan si’a 52 injifachuun, taphoota 42 ammoo qabxii qooddataniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.