Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Gamaaggamni raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara baajataa 2019 Paartii Badhaadhinaa gaggeeffameera.
Pireezidaantii Ittaanaa fi Itt Gaafatamaan Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faarahi dabalatee itti gaafatamtoonni waajjiraalee dameewwanii saganticharratti argamaniiru.
Sagantichaan gabaasni raawwii hojii kurmaana jalqabaa dhiyaatera.
Bu’aalee galmaa’aan, hanqinaalee mudatanii fi kallattii yeroo itti aanurratti mari’atameera.
Obbo Adam Faarahi yeroo kanatti, raawwii hojii gara fuulduraa cimsuuf dhimmoota xiyyeeffannoo itti kennamuu qaban irratti kallattii hojii kennaniiru.
Akkasumas, hanqinoota raawwii hojii sirreessuu fi hojiiwwan itti aanaan bu’a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannoon kennamuu ragaan waajjira paartichaarraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa