Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Turkiyyee Antaaliyaa galan
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2019 (FMC) – Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa 31ffaarratti hirmaachuuf Turkiyyee magaalaa Antaaliyaa galaniiru.
Dooktar Geediyoon turtii isaaniin, qaamolee adda addaa waliin marii waloo ni taasisuun eegama.
Dhimmoota ce’umsa COP -31 irraa gara COP -32 taasisamu ilaalchisee ni marii ni gaggeessu.
Akkasuma Yaa’iin COP-32 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu hunda hammataa, hojii qabatamaa irratti kan xiyyeeffatuu fi bu’aa mul’ataa akka waliigaltee fi tumsa waliinii cimsuuf marii waloo adda addaa ni taasisu.
Yaa’ii 31ffaan jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii boru Turkiyeetti magaalaa Antaaliyaatti gaggeeffamuu eegala.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa