Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Koministii Chaayinaa tumsa isaanii cimsuuf mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Paartiin Badhaadhinaa fi Paartiin Koministii Chaayinaa hariiroo fi tumsa tarsiimoo qaban caalmaatti cimsuuf mari’ataniiru.
Ittaanaan Pireezidaantii fi Itti Gaafatamaam Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraahiin Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Cheen Haay kallattii fi imaammata Chaayinaan dursa kennituuf ilaalchisee obbo Adam Faaraahiif ibsa taasisaniiru.
Mariin kunis mul’ta badhaadhina waloo, jijjiirama biyyaalessaa fi misooma biyyoota lamaanii cimsuuf carraa kan uumu ta’uu eerame.
Obbo Adam Faaraahiin gama isaaniin Yaa’ii 5ffaan Paartii Koministi Chaayinaa milkaa’inaan xumuramuu isaatti baga gammaddan jedhanii Chaayinaan misooma qulqullina olaanaa qabu, ammayyummaa fi badhaadhina biyyaalessaa fiduuf tattaaffii taasiftu dinqisiifataniiru.
Dabalataanis, hariiroo michummaa yeroo dheeraa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduu jiru, akkasumas “Tumsa Tarsiimoo Hunda ce’aa” tumsa siyaasaa, dinagdee fi dameewwan misoomaa babal’isuuf bu’uura cimaa kan kaa’u ta’uu isaa ibsaniiru.
Hoggantoonni paartilee siyaasaa lamaan, wayita Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Onkololeessa bara 2023 gara Chaayinaa daawwannaa taasisanitti, waliigalteewwan tumsa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti mallattaa’an barbaachisummaa isaanii cimsanii kaasuun mari’ataniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa