Fana: At a Speed of Life!

Damee turizimii waggoota muraasa keessatti bu’aa argamsiise

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) – Mootummaan Ida’amuu turizimii utubaalee diinagdee gurguddoo biyyattii keessaa tokko taasisuun, qabeenya uumamaa, seenaafi aadaa Itiyoophiyaa misoomsurratti argama.

Turizimiin damee dinagdee guddina carraa hojii uumuu, galii sharafa alaa argamsiisuu, invastimantii hawwachuu, akkasumas hambaa uumamaa, aadaa fi seenaa biyya tokkoo addunyaatti beeksisuuf gumaacha guddaa qabuudha.

Dameen tuurizimii walitti dhufeenya hawaasummaa cimsuu fi maqaa Itiyoophiyaan addunyaarratti qabdu guddisuu keessatti shoora olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannoo addaa argachaa jira.

Hambaawwan durii eeguufi haaressuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf hojii xiyyeeffannaan kennameefii hojjetamaa jirudha.

Haaluma kanaan masaraan Faasil, Jugalii Harar, Holqa Sofumar, Masaraan Abbaa Jifaariifi Masaraan Biyyaalessaa haareffamanii daaw’attootaaf banaa taasifaman keessaa tokko yoo ta’an; hojiin ogeeyyiifi michoota idil addunyaa waliin ta’uun manneen amantii Laalibalaa dhagaadhaan bocaman haaressuus gaggeeffamaa jira.

Bakkeewwan turistii haaraa misoomsuu, bakkeewwan jiran haaressuufi kunuunsuu, akkasumas turizimii konfiraansiifi daldalaa guddisuun xiyyeeffannoo ijoo ta’aniiru.

Karaa pirojektoota Maddiin Shaggariif, Maaddiin Biyyaafi Maaddiin Dhalootaaf bakkeewwan hedduun misoomuun gara bakka turizimii ammayyaatti jijjiiramaniiru.

Imaammanni turizimii waggoota dhihoo as haaromamuun isaaniifi pirojektootni adda addaa ijaaramuun isaanii guddina turizimiif bu’uura ta’aniiru.

Itiyoophiyaan bara baajataa 2019 turistoota hedduu hawwachuuf karoorfattee jirti; kana milkeessuufis appilikeeshinii ‘Visit Ethiopia’ teeknooloojii Hubannoo Namtolchee (AI)tiin deeggaruufi iddoowwan hawwata turizmii lakkoofsaan baay’e ta’an misoomsuuf hojjetamaa jira.

Akka odeeffannoon Ministeera Turizimii argame mul’isu bara bajataa darbe keessa daawwattoonni biyya alaa miiliyoona 1.6 ol Itiyoophiyaa kan daawwatan yoo ta’u, damicharraa galii Doolaarri biiliyoonni 5.2 ol argameera.

Taateewwan idil-addunyaa qopheessuu danda’uun guddina damee turizimii Itiyoophiyaaf bu’uura guddaa kaa’aa jiru.

Itiyoophiyaan bara 2018 keessa qofa yaa’iiwwan idil-addunyaa 200 caalan keessummeessiteetti.

Haala teessummaa lafaa, seenaa ba’ee hin mul’atin, qabeenya maaddiin hin dhiyaannee fi miidhagina ifatti bahee hin muul’anne mul’isuurratti hojiileen hojjetaman bu’aa argamu galmeessaa jiru.

Keessattuu mootummaan bu’uuraalee misoomaa guutuuf tattaaffiin taasise milkaa’ina argamsiiseera.

Jijjiiramni waggoota muraasa darban damee turizimii irratti mul’ate utubaawwan haaraa misooma turizimii rakkoolee bara dheeraa turan furuun danda’amuu agarsiisa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.