Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Geediyoon gita isaanii Yuunaayitiid Kiingidam waliin mari’atan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2019 (FMC) –Ministirri Ministeera Dhimma Alaa fi Pireezidaantiin COP 32 Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Yaa’ii COP 31 cinaatti Ministira Alaa Yuunaayitiid Kiingidam Eed Miiliibaandi waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Dooktar Geediyoon Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa qolachuuf tarkaanfiwwan fudhatte ilaalchise ibsa taasisaniiru.

Jijjiirama qabeenya Qilleensaa qolachuuf wantoota jijjiirama qabeenya qilleensaa cimsan hir’isuun murteessaa ta’uu hubachiisan.

Ministirri Dhimma Alaa Yuunaayitiid Kiingidam Eed Miiliibaandi gama isaaniin, Itiyoophiyaan yaa’ii 32ffaa jijjiirama qabeenya Qilleensaa mootummoota Gamtoomanii milkiin akka qopheessitu biyyi isaanii tumsa barbaachisu taasisuuf qophii ta’uu mirkaneessuu ragaan fuula COP32 irraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.