Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii waliigaltee Taaksii Idil Addunyaa biyyoota Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Biyyoonni Afrikaa uwwisa tumsa Taaksii Idil Addunyaa Mootummoota Gamtoomanii ilaalchisee Finfinneetti marii gaggeessaa jiru.

Waltajjichi Marii Uwwisa tumsa Taaksii marsaa 6ffaa Keeniyaa Magaalaa Naayiroobiitti gaggeeffamuuf biyyoonni Afrikaa sagalee fi ejjennoo walfakkaatu qabachuuf kan dandeessisuudha.

Dhaabbileen bulchiinsa Taaksii biyyoota Afrikaa fi Dhaabbileen Hawaasa Siivilii hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, kunis, wixinee waliigaltichaa keeyyata 28 qabu, kan dhiheenya fooyya’ee ba’e irratti, biyyoonni Afrikaa ejjennoo isaanii waliinii akka calaqqisiisan gargaaruuf akka ta’e ibsameera.

Waliigaltichi hanga bara Faranjootaa 2027tti akka ragga’u kan karoorfame yoo ta’u, yakka taaksii ittisuu fi waljijjiirraa odeeffannoo Faayinaansii cimsuuf kaayyoo kan qabu ta’uu waltajjicharraa ka’eera.

Andu’alem Tasfaayeetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.