Baatiwwan sadan darban keessa anniisaan sa’aatii Giigaa Waattiin kumni 7 fi 567 oomishame
Finfinnee, Sadaasa 5, 2019 (FMC) – Baatiwwan sadan darban keessa anniisaan sa’aatii Giigaa Waattiin kumni 7 fi 567 oomishame jedhe Humni Elektirikii Itiyoophiyaa.
Anniisaa oomishame keessaa Hidhaan Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaa buufanni madda anniisaa 3 Sa’aatii Giigaa Waattii kuma 3 fi 789 oomishuun % 50 qooda qaba.
Gibee 3ffaan ammoo sa’aatii Giigaa Waattii kuma 1 fi 21 oomishuun % 13.5 qooda qaba.
Anniisaa oomishame sa’aatii Giigaa Waattii kumni 7 fi 388.17 maddoota bishaanirraa, Giigaa Waattii 179.49 ammoo Bubbeerraa kan argame ta’uu ibse.
Anniisaa oomishame keessaa % 91.04 tajaajila biyya keessaaf ooluu hime humnichi.
Baatiwwan sadan darban Gurgurtaa anniisaa fi Kiraayii Faayibara Optiksiirraa Birrii biiliyoona 27.28 argachuuf karoorfamee Birriin biiliyoonni 31 argamuu ragaan fuula miidiyaa hawaasumma dhaabbatichaarra argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa