Ummanni Tigraay garee seeraa alaa ABUT dhabamsiisuuf murannoo olaanaa agarsiise – Dooktar Shiishaay Amaaree
Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Ummanni Tigraay garee seeraa alaa ABUT dhabamsiisuuf murannoo fi cichoomina olaanaa agarsiise jedhan Kantiibaan Magaalichaa Dooktar Shiishaay Amaareen.
Bulchiinsi Imaanaa Magaalaa Maqalee raawwii hojii baatii 1 gamaaggameera.
Tajaajila dameewwan adda addaa magaalattii saffisaan hojiitti galchuuf xiyyeeffannoon kennameen guyyoota muraasa keessatti milkeessuun danda’amuu dubbatan Dooktar Shiishaay Amaareen raawwicha ilaalchisee ibsa kennaniin.
Xinsammuu hawaasaa tasgabbeessuu fi sosochii haqa qabeessatti deebsiuun torbeewan darban keessa waltajjiiwwan marii garaagaraa gaggeeffamuu dubbatan.
Deeggarsi namoomaa caalmaatti akka cimu hojjetamaa jiraachuu eeran.
Akkasuma nageenya damee tajaajilee eeguuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa akka jiru himan.
Ummanni naannichaa garee seeraan alaa ABUT dhabamsiisuuf murannoo fi cichoomina olaanaa agarsiisuu himan ibsa isaaniin.
Ashannaafii Shibbiruutiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa