Fana: At a Speed of Life!

Misoomni hiikaa kan qabaatu wayita jireenya guyyaa lammiilee qabatamaan jijjiire – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee, Sadaasa 10, 2019 (FMC) – Misoomni hiikaa kan qabaatu wayita jireenya guyyaa guyyaa lammiilee qabatamaan jijjiire jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebeen.

Misoomni Kooriidarii kaleessa eebbifne bu’uuraalee misoomaa magaalaa keenyaa walitti hidhuu fi neetworkii daandii babal’isuun, magaalattii caalaatti mijattuu fi jireenyaaf taatuu gochuu bira darbee, lammiileef faayidaa dinagdee fi hawaasummaa kallattiin argamsiiseera jedhan Kantiibaa Adaanech ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Suuqiwwan kumni 3 fi 118 haaraan ijaaramuu fi haaromuu, akkasumas gamoowwan mana jireenyaa 491 ol haaromuu ibsan.

Kunis daldaltootaaf haala daldalaa fooyya’aa fi carraa galii, hojii barbaaddotaaf carraa hojii bal’aa, jiraattotaaf immoo naannoo jireenyaa fooyya’aa, haala sochii mijataa fi naannawaa qulqullina fooyya’aa uumuu ibsan.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.