Fana: At a Speed of Life!

Arseenaal vs Niwuukaastiil Yuunaayitiid…

Finfinnee, Sadaasa 12, 2019 (FMC) – Piriimeer liigii Ingilaandi torbee 11ffaan har’a taphoonni 7 ni taphatamu.
Dursaan liigichaa Arseenaal Jeems Paarkiitti imaluun Niwuukaastiil Yuunaayitiid waliin morkiin taasisu ni eegama.
Taphichi galgala Sa’aatii 2:30 irratti taphatama.
Liigicha qabxii 27’n dursaa kan jiru Arsenaal ,injifannoo isaa 6ffaa galmeessuuf dirree seena.
Sadarkaa 12ffaarratti kan argamu Niwuukaastiil Yuunaayitiid gamasaan taphoota liigichaa saddeett taphataman keessaa lama qofa injifachuu danda’e.
Tapha biroon qabxii 21 ‘n sadarkaa 3ffaarratti kan argamu Maanchisteer Siitiin dirree isaarratti Fuulhaam ni keessummeessa.
Siitiin garaagaraarummaa qabxii 6 Arseenaal waliin qabu dhiphisuuf ni falmata.
Taphichi guyyaa sa’aatii 9:30 irraa eegale taphatama.
Galgala sa’aatii 12:00 irratti Boornmaawuuz Nootingihaam Fooreest waliin, Astoon Viilaa Sandaarlaandi waliin, Cheelsi Liidsi Yuunaayitiid waliin, Kooveenterii Siitii Kiristaal Paalaas waliin akkasumas Tootinhaam, Ippiswiich Taawun waliin sa’aatii wal fakkaatu kanatti ni taphatu.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.