Nageellee Arsiin Gaamoo Canchaa injifachuun dursummaa isaa cimsate
Finfinnee, Sadaasa 13, 2019 (FMC) -Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaan Nageellee Arsiin Gaamoo Canchaa injifachuun dursummaa isaa cimsateera.
Nageellee Arsiin galchii 1 fi 0’n Gaamoo Canchaa injifateera.
Taphoota biroon Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa galchii 1 fi 0 ‘n Faasiil, Itiyoo Elektiriik galchii 1 fi 0’n Haalaabaa injifataniiru.
Nageellee Arsiin qabxii 14 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Machaal qabxii 11 sadarkaa 2ffaa fi CBE’n qabxii 11’n galchiin caalamuun sadarkaa 3ffaarratti argama.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddaa #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa