Itiyoophiyaan qorichaalee biyya keessatti baay’inaan oomishuuf hojjetaa jirti – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan qorichaalee qulqullinaa fi nageenyummaan isaa mirkanaa’e biyya keessatti baayi’naan oomishuuf hojjetaa jirti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Konfiraansiin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaan mata-duree “Nageenyaa fi Birmadummaa Fayyaa Afrikaa; Ce’umsa hirkattummaa fi Saaxilamummaa Fayyaa Irraa Gara Abbummaa fi Dandamannaa” jedhuun taa’amaa jira.
Itiyoophiyaan uwwisa Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 jalatti, teeknooloojii Hubannoo Namtolchee gargaaramuun tajaajila fayyaa fooyyessuu fi oomisha qoricha biyya keessaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jirti jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad konfiraansicharratti argamuun ergaa dabarsaniin.
Itiyoophiyaan bara darbe qorichaalee fi talaallii biyya alaa irraa galfaman irratti Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) irraa sadarkaa 3ffaa madaallii dandeettii argachuu ishee yaadachiisanii; kunis oomishtoonni qorichaalee biyya keessaa oomisha isaanii biyyoota naannichaaf akka dhiyeessan bu’uura cimaa kaa’uu kaasan.
Ogeeyyiin fayyaa naannawaa fagoorratti argaman Ispeeshaalistoota waliin akka wal argatanii fi dhaabbilee fayyaa kamiiyyuu keessatti ragaan yaalamtootaa qaqqabamaa akka ta’u Teeknooloojiin murteessaa ta’uu eeran.
Itiyoophiyaan humna namaa qabduun, oomisha qorichaa biyya keessaa, fayyaa dijitaalaafi teeknooloojii hubannoo namtolchee irratti hojjechuun sirna fayyaa Afrikaa dandamataa ijaaruuf kutannoo qabaachuu kaasan.
Meeshaalee fayyaa diijitaalaa haala qabatamaa Ardichaa bu’uura keessa galche qorattoota Afrikaan oomishamuu akka qaban dubbatan.
Kanaafis humna nama baratee, baajataa itti fufiinsa qabuu fi sirna eegumsa odeeffannoo fayyaa seera keenyaan durfamu qabaachuun barbaachisaa ta’uu dubbatan.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa