Finfinneetti Duulli Talaallii Pooliyoo eegale
Finfinnee, Sadaasa 11, 2019 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Duulli Talaallii Pooliyoo Kutaa Magaalaa Gullallee, Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa Iyyeerusaalemitti eegalchiifameera.
Duulichi har’aa eegalee hanga Sadaasa 14, 2019 gaggeeffama.
Hogganaa Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee DooktarYohaannis Caalaa,Hogganaa Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuu, hoggantoonni biroo fi qooda fudhattoonni bakka argamanitti eegaleera.
Talaallichi daa’immaan Umrii Waggaa 5 gadiif kan kannamuudha.
Duula Talaallii kanaan, Daa’imman Kuma 800 caalan talaalchisuuf karoorfamuu ibsame.
Ogeeyyiin yaalaa kumni 5 hojii kanarratti kan bobba’an ta’uu ragaan Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa