Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan birmadummaa fayyaa kabachiisuuf dandeettii barbaachisu ijaarte – Dooktar Maqdas Dhaabaa

Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) – Itioophiyaan birmadummaa fayyaa kabachiisuuf ga’umsaafi dandeettii barbaachisu ijaarte jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan.

Yaa’iin Boordii Fandii Weerara Dhibee addunyaa 21ffaan Magaalaa Finfinnee Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaatti taa’amuu eegaleera.

Itiyoophiyaan dura teessuu Boordii Dhibee Weeraraa addunyaa ta’uuf filatamuun ishee yaada alaa fudhachuu qofa osoo hin taane gama yaada fi karoora maddisiisuu, akkasumas Faayinaansii sochoosuun hoggansa sadarkaa ardiitti laachuu ishee dandeessisu agarsiisuuf ta’uu ibsan Dooktar Maqdas yaa’icharratti haasawa baniinsaa taasisaniin.

Boordichi Weerara Dhibee Koronaatiin booda osoo weerarri dhibee kamuu hin mudatin dursanii humna dandamachuufi ittisuu ijaaruuf kan hundeeffameedha.

Magaalaa Finfinneetti Yaa’iisaa Gaggeessuun ammoo jijjiirama qabatamaa Itiyoophiyaan damee fayyaan irratti fidaa jirtu addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uus himan.

Yeroo weerara Dhibee COVID-19’tti Itiyoophiyaan bu’aa Qorannoo laabraatoorii fi DNA’f biyya alaatti erguun eeggachaa akka turte yaadachiisuun, rakkoo kana furuuf, biyyattiin waggoota lamaan darban keessatti tattaaffii cimaa goteen Birmadummaa fayyaa ofii kabachiisuuf gahumsaafi dandeettii barbaachisu ijaaruu ifoomsan.

Tatamsa’ina weeraraa Dhibee to’achuuniis milkaa’ina guddaa mallattoofi fakkeenya gahumsa sirna fayyaa addunyaa ta’e galmeessisuun danda’amuus kaasan. ‎

Yaa’ichi deeggarsa Maallaqaa haaraa akkasuma, weerara Dhibee Iboolaa Afrikaa keessatti mul’ate dabalatee weerara daangaa qaxxaamuraa biroo ittisuuf qajeelfamaafi Kallattii kaa’aan kan eegamu ta’uu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.