Akkaataa sona Daldala Alaa Afrikaa guddisuun danda’amurratti mariin gageeffame
Finfinnee, Sadaasa 14, 2019 (FMC) – Akkaataa sona Daldala Alaa Afrikaa guddisuun danda’amurratti mariin gageeffameera.
Fooramiin Misooma Daldalaa Afrikaa 2026 mata duree, Afrikaa Guutuutti kan oomishame, Gabaa Tokko, Uwwisa seeraa hedduu’ jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Fooramichaan cinaatti akkaataa sona Daldala Alaa Afrikaa guddisuuf danda’amurratti mariin gageeffameera.
Marinicha irratti, Walitti Qabaa Boordii Dhaabbata ‘TradeMark Africa’, Ministira Muummee duraanii Itiyoophiyaa obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyi, Barreessaa Olaanaa Naannawaa Daldala Bilisaa Afrikaa (AfCFTA) Waamkeelee Meenee, akkasumas Ministira Dhimma Alaa Fiilaanditti Ministira Deetaa Daldala Idil-Addunyaa Yaarnoo Siiyaalaan hirmaataniiru.
Afrikaatti gabaa walfakkaataa ta’e uumuuf dambiiwwan daldalaa qindeessuu fi dorgomtummaa daldala alaa ardichaa guddisuun murteessaa ta’uu marichaan ka’eera.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa