Fana: At a Speed of Life!

Nageenya magaalichaa caalmaatti waaressuuf bulchiinsa imaanichaa waliin tumsaan hojjetaa jirra – Jiraattoota

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Nageenyaa fi tasgabbii magaalaa Maqalee caalmaatti waaressuuf bulchiinsa abbaa Imaanaa waliin tumsaan hojjetaa jirra jedhan Jiraattootni magaalichaa.

Bulchiinsi Imaanaa Mootummaa Federeelaa Naannoo Tigraayi ega hundaa’ee eegalee naannichatti ergama isaa qixaan raawwachuuf hojjetaa jira.

Yeroo ammaas naannichi rakkoo keessa ture keessaa bahuun nageenyiifi tasgabbiin waara’aa jira.

Magaalaan Maqalees rakkoo nageenyaa keessa turte keessaa bahuun ammaa qilleensi nageenyaa bubbisaa jiraachuu jiraattoonni magaalichaa himaniiru.

Nageenyaa fi tasgabbii argame caalmaatti waaressuuf Bulchiinsa Imaanaa waliin tumsaan hojjetaa jirra jedhan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bulchiinsa imaanaa naannichaa waliin tarkaanfilee fudhataman, qormaatilee mudatanii fi dhimmoota waloo dursa barbaadaan gamaaggamuun isaanii ni yaadatama.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.