Fana: At a Speed of Life!

Uwwisni magariisummaa Magaalaa Finfinnee % 25 gahe

Finfinnee, Sadaasa 19, 2019 (FMC) – Hojiin misoomaa Magaalaa Finfinnee gamoo konkiriitiirraa gara magaalaa miidhagduu fi magariisaatti jijjiiramuu kan agarsiisu ce’umsa seena qabeessa ta’edha.

Misoomni Koriidarii, Qarqara Lageenii fi deebisanii misoomsuu Finfinneetti hojjetamaa jiran hojii qajeeltoowwan misoomaa sadarkaa addunyaa qabatamaan mirkaneessan, akkasumas ashaaraa misoomaa ta’aniidha.

Kana dura hojiin misoomaa magaalittii uumama kunuunsuu osoo hin taane gara Gamoo Konkiriitiitti xiyyeeffata ture.

Sababa kanaan uwwisni magariisummaa magaalichaa gara % 2.8tti gadi bu’ee ture.

Amma hojiileen misooma Koriidarii, Qarqara lageenii fi deebisanii misoomsuu seenaa kana jijjiiruun uwwisni magariisummaa % 25 gaheera.

Guddinni kun, Finfinneen magaalaa bareedduu fi magariisa taate, jijjiirama qilleensaa dandamattu, ho’i ishee madaalawaa ta’ee fi uumama waliin wal simtee akka taatuuf bu’uura guddaa kaa’eera.

Bulchiinsi magaalichaa fi jiraattonni ishee ulaagaalee idil-addunyaa magaaloonni uwwisaa magariisaa yoo xiqqaate % 30 qabaachuu qaban galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.